< All Topics
Print

596: Garbuu Oomishanii Warshaa Biqilaatti Gurguruun Hayyamamaa?

Gaafii: Obboleessi kiyya warshaa biqilaa keessa dalaga. Warshaan biqilaa kun ammoo biqila qopheessee warshaa biraatiif gurgura. Warshaan biiraatis dhugaatii nama macheessu oomishee magaalaaf dhiheeysa. Dhaabbata kana keessa dalaguun akkamitti laallama?

 

 

Deebisaa gababduu

 

Dhaabbata kana keeysa dalaguun akka shari’aa islaamaatti dhoorkaadha. Dhaabbata Farshoo oomishu, dhaabbata booyyee qalee foon isaa guruguru fi dhaabbata dalagaa haraamaa hojjatu hunda waliin hojjachuun haraama.

 

Namni garbuu oomishu, garbuu isaa warshaa biqilaatiif gurguruun akkami?

 

Kunis haraama taha. Biqilli maaliif barbaadama? Gaafii jettu yoo if gaafanne deebisaa ni arganna. Biqilli waan nyaattamuu miti. farshoo oomishuuf oola. Dalagaan warshaa biqilaa warra biiraa oomishuuf haala mijeessuudha. Biqila achitti qopheessanii warshaa biraatti gurguran. Warshaan biiraa biqila san bitatee biiraa ittiin oomishee magaalaaf dhiheessa. Kanaafuu namni garbuu oomishu tokko garbuu isaa ummata soorataaf fayyadamutti gurguruu qaba malee, warshaa biqilaatti gurguruu hin qabu. Haaluma wal fakkaatuun warra Araqee, Farshoo fii waan nama macheessu ka biroo oomishuttis gurguruun dhoorkaadha.

 

Dhimma Farshoo kanarratti namni dalagaa farshoon wal qabatu hojjate hundi abaaramee jira. Ka baate, kan gama isaa baatan, ka cuunfee baasu, kan isaaf jecha cuunfan, ka dhugu, Kan namaaf kennee nama obaasuufi walumaa galatti namni dhimma farshoo keessaa qooda qabu hundi shari’aa islaamaa keessatti abaaramaadha.

 

Waan nyaataafi dhugaatiin wal qabatu, kan shari’aan dhoorgite kamuu, haaluma kamiinuu irratti hirmaatanii haala mijeessuun dhoorkaadha. Garuu waan uffataniin wal qabatee hukmii addaatu jira.

 

Uffata Haraama tahe gurguruun akkami?

 

Uffannaa Shari’aan haraama gudhe kan Muslimaaf hin hayyamamne magaalaaf dhiheeysanii gurguruun hayyamamaadha. Fakkeenyaaf gurdii qonxola/gabaabaa uffachuun dubartiin islaamaatiif dhoorkaadha. Garuu namni Muslimaa tokko uffata kana magaalaaf dhiheeysee gurgurachuu mirga qaba. Hariira uffachuun dhiira Muslimaa irratti haraama. Dubartiif ammoo hayyamamaadha. Dhiirri Muslimaa tokko Dukkaana uffataa yoo qabaate, huccuu hariiraa dhiira kiristaanaatti gurgurachuu mirga qaba. Uffachutu isarratti haraam tahe malee gurgurachuun hayyamamaadha. Kana shari’atu hayyame. Ammoo waan nyaatanii dhugan kan shari’aan haraam godheefi, waan shirkitti nama geessu kan akka Taabotaa gurguruun haraama.

 

Walumaagalatti dalagaa farshoon wal qabatu hundarratti hirmaachuun dhoorkaadha. Dabalataan waan sooratamu kan akka foon booyyee/karkarroo, foon harree, foon saree fi foon shari’aan haraam godhu gurguruufi nyaachuunis haraama taha.

 

Bu’aa duniyaa xiqqoof jedhanii aakhiraa ofii balleessuun hin barbaachisu. Namni muslimaa hundi duniyaa haraamaan wal qabattu hunda ofirraa eeguu qaba. Qabeenya Ribaan walitti laaqamu, qabeenya zinaa irraa argamu, kan farshoo irraa argamu fi horii waan haraama taheen wal qabatu hunda ofirraa eeguu barbaachisa.

 

Sheikh Muhammad Waadoo

 

Deebisaa Ulamaa’ii Biyya Alaa

 

 

Biiraa Alkoolii hin qabne (Soofii) dhuguun hayyamamaa?

Akka bu’uuraatti nyaataafi dhugaatiin hundi halaala. Warra shari’aan haraam godhe malee. Dhugaatiiwwan shari’aan haraam godhe keessaa tokko farshoodha. Wanti farshoo xiqqoos taatu of keessaa qabu hundi haraama. Dhugaatiin yoo kubbaayyaa tokko dhugan nama hin macheessine, kan yoo litira 2 ykn 3 dhugan nama macheessu tahus haraama. Yoo guddaa dhugan nama macheessee yoo xiqqaa dhugan nama macheessuu dhabuun halaal hin godhu. Rasuulli (SAW) “Wanti nama macheessu xiqqaafi guddaanis hundi haraama.” jedhan.

Sunan Ibnu Maajaah 3392

 

 

Soorata wayta bilcheessan Farshoon (Wine) itti naqame nyaachuun akkami?

 

Warri lixaa tooftaa nyaata ittiin bilcheessan tokko fidee jira. sunis dhugaatii Waayin (Wine) jedhamu akka zayitaatti nyaata bilchaataa jirutti naquudha. Dhama nyaaataa tolchuuf jecha. Dhugaatii Wine jedhamu itti naqanii waliin bilcheessan.

 

Akka namoonni tokko tokko amananitti; Farshoon ibidda guddaa hin danda’u. yoo ibiddatti naqanii bilcheessan wanti nama macheessu keessaa bada. Kanaafuu nyaata farshoon (Wine) itti naqamee bilcheeffame nyaachuun rakkoo hin qabu jedhanii amanan. Kun garuu guutumatti dogongora. Farshoon hundi akka hundattuu haraama. Feetu ibiddaan bilcheessitus, feetu firiija galchitee akka cabbiitti goggoysitus farshoon farshoma. Wanti farshoo halaal godhu hin jiru. Waan farshoon tuqe guutumatti irraa fagaachuu barbaachisa.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Biiraan aalkoolii hin qabne (Soofiin) maaliif haraama tahe?

 

Garaagarummaan inni biiraa birootiin qabu qabiyyee alkooliiti. Biiraan nama macheessu alkoolii dhibbentaa 1.2% qaba. Biiraan alkoolii hin qabu jedhamee gurguramu ammoo alkoolii dhibbentaa 0.05% qaba. Haa xiqqaatu malee hammi muraasni keessuma jira. kanaafuu biiraa alkoolii hin qabu jedhamee gurguramus dhuguun haraama taha.

 

Guduunfaa

 

Qonnaan bulaan garbuu oomishu warra soorataaf barbaadutti haa gurguratu. warshaa biqila oomishuu fi nama mana farshoo qabu kan garbuu farshoon oomishuuf barbaadutti gurguruu haa dhiisu. nama eenyummaan isaa hin beekamnee fi nama gabaa keessa taa\’ee midhaan bitutti gurguruun rakkoo hin qabu. wanti dhoorgamaa tahe nama beekamaa farshoo oomishuufi, dhaabbata farshoo oomishutti gurguruudha. Namni tokko oomisha jalqabuun duratti bakka itti gurguratus dursee yaaduu qaba. Garbuu kana warshaa biqilaa geessee gurguradha jedhee karoorfatee facaasuu hin qabu. Waan farshoon wal qabatu hunda irraa fagaachuun dirqama.

1 thought on “596: Garbuu Oomishanii Warshaa Biqilaatti Gurguruun Hayyamamaa?”

Comments are closed.

Table of Contents