< All Topics
Print

609: “Sadihiin Si Hiike” jechuun meeqatti lakkaawama?

Gaafii: Abbaan warraa jaartii isaatiin “Sadiiniin Si Hiike” yoo jedhe, hiikkaan sadan shari’aan hayyamu ni dhumata moo hin dhumatu?

 

 

Deebisaa Gabaabduu

Dhimma kanarratti ulamaa’iin duriifi ammaatis wal dhabanii jiru. Ammas wal dhabbiin kun numa jira.

 

Ulamaa’ii irraa Murni duraa “Yoo Jaarsi ‘Sadihiin si hiike’ jedhe hiikkaan sadiinuu dhumatee jira” jedhan. Murna kanarraa gurguddoon Imaam Abuu Haniifaa, Imaamu Maalik, ImaamuShaafi’ii fi Imaam Ahmad Ibnu Hanbal. Mazhabni afranuu waan kanarratti waliif galan. Jarri kun ulamaa’ii Sunnaati. Addunyaan bahaa seensatti jara afran kana jala deema. jarri afran walii galteedhaan, “Yoo Jaarsi ‘Sadihiin si hiike’ jedhe hiikkaan sadiinuu dhumatee jira” jedhan.

 

Salafootarraahis murni hanga tokko yaada kanarratti waliif galan. Ragaan isaan dhiheeffatan akka asii gadiiti.

 

Sadiiniin hiikuun Sadihitti laakkayama warra jedhuuf ragaan;

 

Ragaa Duraa

 

Rabbiin Suuratul Baqaraa keessatti akkana jedha. “Hiikkaan/Xalaaqni yeroo lama. Sana booda haala gaariin qabachuu yookiin bifa gaariin gadi lakkisuudha…” jedha.

Suuratul Baqarah 2:229

 

Aayaata Qur’aanaa kana ragaa godhatanii, Xahaaraa takka keessatti yeroo 2 hiikuun ni danda’ama jedhan. Eega hiikkaan lama ka argamu tahee, takka itti dabalanii sadihitti irraa fixuun ni dandahama jedhan.

 

Ragaa lammaffaa

 

Hadiisa Naafi’ Ilma Umar irraa odeeyseen, namtichi tokko ibnu umaritti dhufee, ani jaartii tiyya sadiiniin si hike jedheen jedhee itti hime. Ibnu umaris wanti jedheen; “Ati jaartii tee sadiiniin hiiktee irraa fixxee jirta. Kana keessatti Rabbii kee kallaftee jirta. Akka Rabbiin sirraa fedhutti hin hiikne. Akka hundattuu jaartiin tee sirraa muramtee jirti” jedhee jaartiin isaa guututti hiikamuu himeef.

 

Wanti hadiisa kanarraa hubannu, Yeroo tokkotti Sadiiniin si hiike jedhanii guututti hiikuun ni danda’ama. Akkasitti hiikuun ammoo diliidha. Namtichi hiike gocha Kanaan ni dilaawa (itti gaafatama) garuu hiikkaan ni argama. Jedhan.

 

Ragaa 3ffaa

 

Dubbii Abdallaah Ibnu Abbaas irraa odeeyfameen; Ibnu Abbaas (RA) akkana jedhe. “Zamana Rasuulaa (SAW) keessatti, Zamana Abuubakrii keessatti, Eega Umar khaliifaa tahee amata lamaan duraa keessatti, Sadiiniin si hiike jechuun akka tokkotti lakkaawama. Achi booda umar Ibnu Khaxxaab (RA) haala ummataa laalee murti takka dabarse. Ilmi namaa dhimma xalaaqaa kana keessatti heddu jarjarfate, waan silaa suuta godhuu qabu keessatti ariifachutti jira. kanaafuu seera itti jajjabeessuu qabna, Sadiiniin si hiike jechuu sadihuma godhuu qabna” jedhee labse.

Sahih Muslim 3491

 

Gaafa umar labsii kana dabarserraa eegalee sadiiniin si hiike jechuun akkuma sadihiitti lakkaawama. Sadihiin si hiike jennaan xalaaqni ni dhuma jechuudha.

 

Ragaan 4ffaa

 

Hadiisa Ibnu Shihaab odeeyse keessatti, “Namni tokko jaartii isaatiin wal dhabee Rasuulatti wal fidan. Jaartiin tiyya gumna dalayde jedhee Rasuularratti himate. Namni kun Rasuula (SAW) biratti yeroma takkaan sadiiniin hiikee irraa fixe. Rasuullis (SAW) ni hayyameef. Kun ammoo Yeroo takkaan sadiiniin hiikuun akka danda’amu ragaa gahaadha jedhan.

 

Ragaaleen asii olii afran kan Murna “bakka takkatti sadihiin hiikuun ni danda’ama” jedhuuti.

 

 

 

Sadihiin bakka takkatti hiikuun takkatti laakkayama warri jedhu ragaan;

 

Warri bakka takkatti sadihiin hiikuun hin danda’amu, Yoo sadihiin hiikes (Yoo dhibbaan hiikes) akkuma takkatti lakkaayama murni jedhus ni jira.

 

Salafootarraa warri yaada kana deeggaran heddu, Ibnu Teymiyaa, ibnul Qayyim, imaamuSsana’aanii, ImaamusShowkaanii, Ibnu baaz, Ibnu Useeymiin fi Imaam Albaanii. (hunda isaaniitiifu Rabbi Rahmata haa godhu) Salafoonni bebeekkamoon kun hundi “Sadihiin si hiike jechuufi, dhibbaan si hiike jechuunis akkuma takkatti lakkaayama” jedhan.

 

Ragaa duraa

 

Rabbiin Suuraa Xalaaq aayaata 1ffaa irratti “Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoota hiiktan, \’Iddaa\’ isaaniitiin isaan hiikaa\’ Iddaass\’ lakkaayaa. Rabbii Gooftaa keessan ta\’es sodaadhaa…” jedhe. Rabbiin aayaata tana keessatti ifaan ifatti, dubartiin iddaa isii laakkayaa hiikaa jedhee ajaje. Yeroo isiin xahaaraa qabdu, yeroo heydii irra hin jirretti, iddaa isii laakkayanii hiikuu barbaachisa.

 

Salafoonni gurguddoon maqaa isaanii asii olitti ibsine kunniin, Aayaata Qur’aanaa kana ragaa godhachuun, namni faallaa aayaata Qur’aanaa deemee sadiiniin bakka takkatti hiike, hojiin isaa kun fudhatama hin qabu. Namni waan kana dalage “Bid’aa” dalage ykn waan haaraya fide, Waan Rasuulli (SAW) hin dalagin dalage jedhan.

 

Ragaa 2ffaa

 

Ragaan hadiisarraa isaan dhiheeyfatan, Dubbii Abdallaah Ibnu Abbaas irraa odeeyfame kan gubbaarratti dubbanne akka ragaatti dhiheeyfatan. Sahih Muslim 3491 gubbaa irratti ibsamee jira.

 

“Zamana Rasuulaa (SAW), Zamana Abuubakrii fi Eega Umar khaliifaa tahee amata lamaan duraa keessatti, Sadiiniin si hiike jechuun akka tokkotti lakkaawama. Achi booda umar Ibnu Khaxxaab (RA) haala ummataa laalee murti takka dabarse. Ilmi namaa dhimma xalaaqaa kana keessatti heddu jarjarfate, waan silaa suuta godhuu qabu keessatti ariifachutti jira. kanaafuu seera itti jajjabeessuu qabna, Sadiiniin si hiike jechuu sadihuma godhuu qabna” jedhee labse. Kun Seera Umar (RA) ummata isaa ittiin bulchuuf tumate malee hukmii shari’aatii miti. Tattaaffii Umar ummata isaa toohachuuf godhe akka ragaa hadiisaatti dhiheeyfachuun sirrii miti jedhan.

 

Ragaa 3ffaa

 

Ragaan itti aansuun dhiheeyfatan ammoo loojikiidha. “Fakkeenyaaf nama tokkoon jecha “Subhan Allaah” jedhu hoggu 100 irra deddeebi’ii jedhi yoo jedhaniin. Namni kun yeroo dhibba tokko irra deddeebi’ee “Subhan Allaah” jechuu qaba. Yeroo “Subhan Allaah yeroo 100” jedhee jechuma takkaan dubbate. Namni kun ajaja guute hin jedhamu. Rabbiin Qur’aana keessatti dubartoota teessan Iddaa isaanii laakkayaa hiikaa eega jedhee, iddaa isaanii takka takkaan laakkayanii yeroo 2 eega hiikanii booda, yeroo sadaffaa hiikanii fixan. Malee yeroo takka qofaan “Sadiiniin si hiike” yoo jedhan ajaja Rabbii guutan hin jedhamu. Jedhan.

 

Gama birootiin xalaaqa kana keessatti Rabbiin ilma namatiif laaffise. Namni tokko jaartii isaatiin yeroo takka yoo si hiike jedheen, 2ffaa itti deebi’ee hiikuuf hanga iddaa isii fixattutti eeguu qaba. Yeroo kana keessatti isiinis gaabbitee, innis gaabbee walitti deebi’uu malan. Kanaafuu isaan lameeniifuu laaffisuuf jecha, Rabbiin iddaa laakkayachuu kana karaa godhe. Yoo sadiiniin bakka takkatti hiikuun ni danda’ama jenne ammoo, waan Rabbiin nuuf laaffise kana jajjabeessuu taati.

 

Shari’aan Nabi Muhammad (SAW) waan hunda namaaf laaffisuudhaan dhufte. Amrii ummatarratti jajjabeessuun hin dhufne. Kanaafuu waan kana haala murni duraa jedhuun sadiin sadihitti laakkaayuun, amrii ummatarratti jajjabeessuudha jedhan.

 

 

Cuunfaa

 

Murni duraa (Mazhabni Afran), Sadiiniin si hiike jedhanii yeroo takkaan nikaaha sadiin fixuun ni danda’ama jedhan. Ni danda’ama jechuun hayyamamaadha, namni yeroo takkaan adda fixate addaan yaa’uu fedhu haala saniin walirraa fixuu mirga qaba jedhan. Garuu waajiba (Dirqama) hin jenne. Namni fedhe takka takkaan iddaa isii laakkayaa yeroo 3 yeroo adda addatti hiikuu mirga qaba jedhan. Garuu yoo yeroo takkaan sadiiniin si hiike jedhee fixuu fedhe mirga guutuu qaba jedhan.

 

Wanti ulamaa’iin gurguddoon kun keessatti wal dhaban, Sadeeniin si hiike jedhanii bakka takkatti irraa fixuun ni danda’ama moo hin danda’amu jechuu irratti wal dhaban.

 

Wanti irratti waliif galan ammoo, Yeroo adda addatti iddaa isii laakkayaa, haala Qur’aanni ajajuun yeroo lama hiikanii sadaffaa irratti irraa fixuun ni danda’ama jechuu irratti waliif galan.

 

Ulaagaan Ragaan ittiin qeebalamu

 

  • Ragaan lama kan walii faallaa tahe yoo dhihaate, lameenirraa ka dura dubbatame fi ka booda dubbatame yoo addaan beekan, ka booda dubbatame fudhatanii ka dura dubbatame dhiisan.

 

  • Yoo duraa booda isaa wallaalan ammoo, Sanada hadiisaa laalanii kan irra jabaa fudhatan.

 

  • Yoo hadiisni ragaaf dhihaate baay’inaan wal caale, kan hadiisa heddu qabu fudhatanii kan hadiisa muraasa ragaa dhiheeyfate dhiisan.

 

  • Yoo hadiisni hundi jabaa tahe dubbiin hedduu dhibduu taati. Yoo haala Kanaan dubbiin hundi xaxaa taatee wal qabde, dubbii keessatti wal dhaban dhiisanii, tan irratti waliif galan fudhatan.

 

Kanarra dhaabbannee dhimma xalaaqaa kana yoo madaalle, Iddaa isii laakkayanii yeroo adda addaatti hikanii xaalaqa 3 irratti xumuruu keessatti wal dhabbiin hin jiru. Kana ulamaa’iin hundi irratti waliif galan.

 

Kan irratti wal dhaban ammoo Sadiin bakka takkatti xumuruun ni taha moo hin tahuu keessatti wal dhaban. Kanaafuu dubbii irratti wal dhaban dhiisanii tan irratti waliif galan fudhachutu irra caala jenna. Wallaahu A’lam.

 

Sheikh Muhammad Waadoo

 

 

Deebisaa Ulamaa’ii Biyya Alaa

 

Jaartii isaatiin “Sadihiin si hiike” namticha jedhu ilaalchisee ulamaa’iin yaada garagaraa qaban. Ulamaa’iin harki caalu namtichi yeroma takka “Sadihiin si hiike” jennaan, hiikkaan yookaan xalaaqni yeroo sadihii bakkumatti raawwatama jedhan. ulamaa’iin gariin ammoo hiikkaa tokko qofatu raawwatma jedhan.

 

Sheikh Abdulaziiz ibn Baaz (Rabbi Rahmta haa godhuufi) hukmiin namticha jaartii isaatiin “Sadihiin si xalaaqe” jedhee maal taha? Gaafiin jedhu dhiyaateef.

 

Deebisaa Sheikh Abdulaziiz ibnu Baaz

Namtichi jaartii isaatiin jecha takkaan “Sadihiin sixalaaqe” jennaan, ulamaa’iin harki caalu hiikkaan yookaan xalaaqni yeroo sadihii bakkumatti raawwatama jedhan. kanaafuu dubartiin sun isaaf haraama taati. hanga isiin Nikaaha guutuudhaan nama biraatti heerumtee, namticha lammataa waliin walqunnamtii saalaatis raawwattee, yoo namni lammataa sun irraa du’e yookaan innis isii xalaaqutti malee. As irratti wanti hubatamuu qabu, isima deebifachuuf jecha nikaaha kijibaa nama biroo waliin godhanii, egasii addaan baasanii deebifatanii fuudhuun hin tahu.

 

Ragaan Ulamaa’ii kanneenii:  Umar ibnu Khaxxaab (RA) Xaalaqni haala saniin raawwatame hawaasa irraa yeroo isa qunnamu hunda, “Xalaaqni yeroo sadihii raawwatamee jira” jechuun murtii kennaa turuu isaa bu’uura godhatan.

Ulamaa’iin Gariin ammoo Xalaaqni yeroo takkatti “Sadihiin si xalaaqe” jedhamu, xalaaquma yeroo tokkotti lakkaahama jedhan. Waan kana taheefis abbaan warraa osoo iddaan irraa hin bu’in jaartii isaa tana deebifachuu ni danda’a jedhan. Osoo inni hin deebifatin yoo iddaan xumurame, haarayatti Nikaha godhatee fuudhuu dandaha jedhan.

 

Ragaan Ulamaa’ii kanneenii: Hadiisa Sahiih Muslim keessatti Ibn Abbaas (RA) akkana jedhe.“Yeroo Ergamaa Rabbii (SAW), Yeroo Abu Bakriitis (RA) akkasumas waggaa lamaan duraa Khaliifummaa Umar (RA) keessattis, “sadihiin sihiike” wanti jedhamu akkuma xalaaqa marraa tokkootti lakkaahamaa ture” ‘boodarra Umar “dhimma jarjarsuun hin malleef kanarratti ummanni jarjaraa jira. kanaafuu akka (xalaaqa) yeroo sadihiitti lakkoofnee haa murteessinuu” jedhe.

 

Ragaan lammataa gareen ulamaa’ii kun dhiheeffatu: Hadiisa Imam Ahmad sanada gaariidhaan gabaasaniin, ibni Abbaas (RA) irraa akka odeeyfameen, Abu Rakaanah namni jedhamu jaartii isaatiin “Sadihiin si xalaaqe” eega jedhee booda gaabbe. eegasii Ergamaan Rabbii (SAW) jecha takkaan jaartii isaa yemmuu deebisaniif, “kun xalaaqa tokko qofa” jedhan. Ulamoonni kunniin hadiisonni lameen kunniin, aayata Suuraa al Baqarah 229 keessatti kan Rabbiin “Xalaaqni marraa lama” jedhe waliin wal simata jedhan.

 

“Yoo hiikkaa (sadaffaa) isii hiike, sana booda hanga dhiirsa biraatti heerumtutti isaaf hin hayyamamtu. Yoo dhiirsi boodaa isii hiike, daangaa Rabbii eeguu isaanii beeknaan isaan lamaan yoo walitti deebi’an badiin isaan irra hin jiru. Kun daangaawwan Rabbiiti; ummata beekaniif isii ibsa”

[al-Baqarah 2:230]

 

Sheikh Abdulaziiz ibn Baaz ilaalcha kanneen jidduu isa lammataa kan hiikkaa yeroo tokkoo qofa garsiisa jedhu fudha jedhan. Sababaanis Hadiisa fi Qur’aanaan kan walsimatu, akkasumas ilaalcha ummata Muslimatiifis kan irra ramata qabu waan taheef isa filadha jedhan.

 

Fataawa Islamiyyah, 3/281, 282.

 

“Sadihiin si hike” jechuun akka xalaaqa marraa tokkootti lakkaahama. Kanaaf deebifachuun homaa rakkoo hin qabu. Garuu iddaan yoo dabre deebifachuun hin danda’amu. Yoo san Nikaha guututti haaroomsuun dirqama taha.

“Iddaan dabruu” jechuun, “sadihiin sixalaaqe” eega jedheenii booda osoo inni hin deebifatin dhiigni laguu yero marsaa 3 yoo itti dhufe jechuudha.

 

Fataawa Islamiyyah, 3/293

 

Deebisaa Dr. Zaakir Naayik Gabaabinaa

 

Xalaaqaan ykn hiikkaan wal qabatee hawaasa keessa haala garagaraatu jira. Fakkeenyaaf namoonni tokko tokko bakkuma taa’anii osoo hin socho’in, “Si Xalaaqe, Si Xalaaqe, Si Xalaaqe’ jedhan. Kun Xalaaqa bida’aa jedhama. Isa kanaaf Qur’aanaa fi Hadiisa keessaa ragaa mirkanaaye argachuun hin danda’amu.

 

Hawaasa Muslimaa keessatti hiikkaawwan baraman keessaa kan lammataa ammoo, isa abbaan warraa jalqaba irratti takkaan hiikuudha. Itti aansuun, marsaa dhiigaa eegee kan lammaffaa xalaaqa/hiika. Ammas marsaan dhiigaa eega dhumateen booda sadaffaa xalaaqa. Akkanatti ofirraa buusee fixa. Kun “Xalaaqa Hasanaa, ykn Xalaaqa gaarii” jedhama.

 

Rabbi SW hiikkaa ykn xalaaqa waan sadihiin godheef qaba. Yeroo takka qofa akka hiikamu osoo barbaade, takka hiikaa jedhee nu barsiisuu danda’a. Haa ta’u malee xiin sammuu ilma namaa waan beekuuf akka namoonni yaada isaanii jijjiiruu danda’an waan beekuuf hiikkaa ykn xalaaqa sadih godhe. Takka hiikanii itti yaaduudhaaf yeroo akka argataniif carraa lammataa isaaniif kenne. Rabbi osoo beeku tana karaa nuuf godhe. Kanaaf karaa inni nuuf godhe kana fayyadamnee yeroo fudhannee bultii teenya qajeelfachuu ni dandeenya.

 

Dr Zaakir Naayik

 

Guduunfaa

 

Dhimmi kun dhimma khilaafa (Wal dhabbii) guddaa qaburraa tokko. Jaarsaafi jaartiin yoo wal dhaban, hanga danda’ameen rakkoo isaan jidduu jirtu mariin furanii walitti araaramanii waliin jiraachutu irra filatama. Wal hiikanii addaan yaa’uun hayyamamaa tahus, garuu waan akkaan jibbamaadha. Akka hundattuu nama waliin jiraachuu dadhabeef shari’aan karaa gootee jirti. Wal hiikanii nagayaan addaan yaa’uun numa taha. Yeroo wal hiikanis jarjaranii Sadihiin si hiike jechuun waan hamaadha. Namni jaartii isaa hiikuu fedhe jechuma takkaan si hiike haa jedhu. Eega sadihiin si hiike jedhee booda yoo sheenawee jaartii isaa deebifachuu fedhe ammoo, jaartii isaa deebifatee waliin haa jiraatu. Namni kana godhe dilaawaa miti. ulamaa’iin gurguddoon heddu ni dandayama jedhan.

 

Wallaahu A’lam

 

Tags:
Table of Contents