< All Topics
Print

621: Wayta buna dhaaban Libaanata/ixaana aarsuun akkamitti laallama?

Gaafii: Namootni hedduun wayta buna dhaaban ykn dhugan, Libaanata/ixaana aarsan. Ixaanni kun mi’aa buna sanii dabala jedhanii niyyaa saniin dalagan. Kan tabarrukaaf dalagus inuma jira. Dabalataan namoonni gariin buna saniin ‘sa’aadaa jabaa, qahwaa jabaa’ jedhanii du’aa’ii godhan malee bunni sun irraa hin qicamu. Wanti kun akkamitti laalama.

 

 

Deebisaa: Ixaanni mi’aa bunaa dabala kan jedhu kun waan qabatamaan mirkanaayee miti. Inni waan funyaan seenu malee waan afaan seenuu miti. Kanaafuu kaayoon waan san godhaniif, akkasumas aadaan wanti sun irraa dhufte qulqulleeffamuu qaba. Tabarrukaa fi waan adda addaa barbaachaaf kan dalagan yoo taate, shirkitti nama galcha waan ta’eef badii guddaadha. Ixaana san aarsuun qaama wahiittitti ittiin dhihaachuuf godhan taanaan, jinnii gabbaruu jedhama. Kanaafuu wanti akkanaa gaafii biraa keessa nama galcha.

 

Bunni bunuma. Waan addaa hin qabu. Addatti dhugaatii biraa irraa wanti isa kabajanii laalaniif hin jiru. Bunaaf kabajaa akkasii kennuun akka warra kaleessa buna dhadhaan akaayee, dhimma garagaraatiif fayyadamaa, namootarraan balaa geessaa turaniin adda waan hin jirreef, gochoota akkanaa irraa of eeguun barbaachisaadha. Yeroo hedduu wanti akkanaa wallaala irraa ka’ee hojjatama waan ta’eef irraa fagaatuu qabna.

 

Gama biraatiin ixaanni wanti aarfamuuf naannoma qulqulleeffatuudhaaf yoo taate, hafuura bareechifatuudhaaf yoo ta’e rakkoo hin qabu. Fakkeenyaaf namoonni buna daldalan naannoon itti hojjatan foolii qabaatee foolii san qulqulleessuuf yoo ta’e, mana san urgeessuu fi bareechisuudhaaf yoo ta’e homaa rakkoo hin qabu. Kaayyommaan ixaanaatuu manuma bareechisuu fi urgeessuudha.

 

Gaafii: bunarratti wanti ‘jabaa’ jedhan sun ammoo maal inni?

 

Deebisaa: Wanti isa ‘jabaa’ godhu bismillaah jedhaniituma dhuguudha. Akkasumas bakka sanitti du’aa’ii godhuu sharxii ykn dirqama godhuun bid’aadha. Du’aa’iin godhan du’aa’ii qulqulluuyyuu osoo taatee, bunaan wal qabsiisanii godhuun bid’aadha. Sababnis du’aa’iidhaaf bakka godhan waan ta’eef. Du’aa’iin kan bakka hundatti godhamtu ni jirti, kan bakka addaa qabdu ni jirti. Nabiin SAW du’aa’iidhaaf kan bakka itti godhan ni jira. Saniin ala waan isaan bakka itti godhaniin ala bakka addaa du’aa’iidhaaf godhuun bida’aadha. Osoo waanuma Rasuulli SAW jedhan jedhanii du’aa’ii godhanillee kun amantii keessatti waan haarawa fiduudha.

 

Shiekh Abdussalaam Xaahir

 

Tags:
Table of Contents