< All Topics
Print

627: Qabrii Dhiquun akkamitti laallama?

Gaafii: Namni an biratti qaxaramee dalagu qabrii abbaa isaa kan masjiida moggatti ijaarame akka dhiqu na ajaja. Wanti kun dilii moo dilii miti?

 

 

Deebisaa Gabaabduu

Wanti dura hubatamuu qabu masjiida biratti nama du’e awwaaluun dhoorkaadha. Masjiidaa fi qabrii wal bira godhuu hin qabnu. Inumaa masjida qabriin keessa jiru itti salaatuun haraama. Sababni isaa shirkiin wantoota akkanaa irraa argamuu waan danda’uufi. Namoonni booda qabrii san gara bakka gabbartiitti jijjiiruu malu. Kanaaf jecha qabrii fi Masjida walirraa fageessuun dirqama.

 

Qabxiin lammaffaa ammo akka gaafii irraa mul’atutti qabriin waan ijaaramte fakkaatti. Waan ijaarametu dhiqama. Akka ulamaa’iin jedhanitti qabrii lafarraa taakkuu takka qofa ol fuudhuu barbaachisa. Sanii ol ijaaruun hin ta’u. Ulamaa’iin gariin haraama kan jedhan yoo ta’u, gariin ammo jibbamaadha kan jedhanis ni jiru. Dabalataan halluu gargaaraa dibuunis haraama. Akkasumas qabrii dhiquunis haraama. Dhiquu san keessa qabrii san guddisuu fi kabajuutu irraa argama. Kanaafuu qabrii dhiquunillee hin barbaachisu. Namoota waan akkanaa dalaganis yaadachiisu qabna. Qabrii guddisuun hin barbaachisu. Nama erga awwaalaniin booda Rabbii fi nama du’e san walitti dhiisuudha. Ilmi irraa hafe ilma gaarii yoo ta’e, qabrii ijaaruu fi dhiquu ykn dibuu osoo hin taane, salaata hunda booda du’aa’ii isaa haa godhu. Maqaa isaatiin sadaqaa haa kennuufi. Kanatu nama awwaalame saniif faaydaa qabaata. Ka Rasuulli SAW ilma gaarii jedhan nama akkanaati.

 

Ergamaan Rabbii SAW “ilmi namaa yoo du’e dalagaan isaa ni dhaabbatti waa sadih male” jedhan. Sadan keessaa tokko ilma yoo abbaan isaa du’e abbaa isaatii Rabbi kadhatuudha. Saniin ala waan Rabbiin hin jaalanneen qabrii abbaa kiyyaatiif tola oola jechuun hin barbaachisu. Inumaa dallansuu Rabbii itti fiduu ta’uu mala. Kanaafuu qabrii dhiquunis ta’e guddisuun hin barbaachisu. Namni waan kana akka dalagu ajajamellee, nama ajaje san yaadachiisu barbaachisa.

 

Yoo namni mana namaa qaxaramee dalagu waan akkanaa ajajame, ajaja san diduun rakkoo yoo kan itti hin fidne tahe diduu qaba. Akkasumas mana san gad dhiisuu yoo danda’es gad dhiisuudha. Haa ta’u malee dhimmichi kafiilaan wal qabatee rakkoo itti fida taanaan ulamaa’ii biyya san jirtu gaafachuun furmaata itti godhuu barbaachisa.

 

Sheikh Abdurrahmaan Shariif

=======================

 

Fatwaa ulamaa’ii biyya alaa

Qabrii bareechisuu fi kunuunsa godhuufiin hin barbaachisu. Fakkeenyaaf waan akka ilillii keessatti dhaabuu, mukkeenii fi wantoota garagaraatis keessatti dhaabuun hin barbaachisu. Shiekh Muhammad ibn Ibraahim ibn Aal ash-shiekh akkana jedhe, “qabrii bareechisuu fi keessatti biqiltoota dhaabuun waan islaamummaan ajajjee miti. Wanti akkanaatis hin hayyamamu. Kun warra nasaaraa akkkeessuutu keessa jira. Warri nasaaraa qabrii isaanii bakka bashannanaa fakkeessuuf waan akkanaa dalagan. Kanaafuu biqiltoota qabrii keessatti dhaabaman sanniin buqqisuu fi bishaan qabrii san keessatti dhangalaafamus irraa muranii gara biraa deebisuu barbaachisa.”

 

Dhimmi biraa ammo Masjiida keessatti nama awwaaluun ykn qabrii fi masjiida wal bira godhuun dhoorkaadha. Ergamaan Rabbii SAW namoota waan akkanaa dalagan abaaraniiran. Umm Salamah habashaarraa wayta gara Madiinaa deebitu, nasaaronni habashaa qabrii fi bakka sagadaa eddoo tokko godhuu isaanii itti himte. Kana booda Rasuulli SAW akkana jedhan, “Abaarsi Rabbii yahuudaa fi nasaaraa irra haa jiraatu. Qabrii nabiyyootaa fi namoota gaggaarii eddoo ibaadaa godhatan. Namoonni kunniin isaan keessaa namni saaliha ta’e tokko yoo du’e qabrii isaarratti bakka waa gabbaran tolchan. Isaan kun Rabbi biratti irra hamaa ummataati” jedhan.

 

Hadiisa ibn Mas’uud gabaase keessatti ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan; “Osoo lubbuun jiran namoonni qiyaamaan irratti dhaabbattuu fi irra hamaan ummataa warra eddoo qabrii eddoo ibaadaa godhatuudha” jedhan.

 

Walumaa galatti masjiidaa fi qabrii walirraa fageessuun barbaachisaadha. tarii qabrii san ammatti namoonni gabbaruu dhabuu danda’an, if dura garuu rakkoon tun mudatuu waan dandeettuuf islaamummaan qabrii fi masjiida walirraa fageessutti ajajje.

 

Eega qabrii masjiida keessatti ijaaruun dhoorkaa ta’ee, Qabriin Rasuulaa SAW maaliif masjiidannabawwii keessa ta’e?

Dhimma kanarratti Sheikh Abdalaziiz ibn Baaz akkana jedhe, “namoonni qabrii masjiida keessa godhuu barbaadan, qabriin Rasuulaatuu SAW masjiida keessa jira kan jedhu akka ragaatitti dhiheessuu fedhan. Wanti beekamuu qabu, Sahaabonni Rasuula SAW masjiida keessatti hin awwaalle. Isaan mana Aa’ishaa keessatti awwalaman. Yeroo sanitti masjiidaa fi Manni Aa’ishaa walirraa fagoodha. Bara Khaliifummaa Al Waliid Abdulmalik wayta Masjiidannabawwiin bal’ifamu qabriin Rasuulaa SAW qaama masjiidaa keessa seene. Dalagaan isaa kun sirrii hin turre. Ulamaa’iin yeroo san turanis balaaleeffataniiran. Ajaja khaliifaa waan ta’eef dirqama itti ta’ee fudhatan. Inni garuu masjiida bal’isuuf jecha dalage waan ta’eef rakkoo hin qabu jedhee itti fufe.”

 

Qabrii Rasuulaa SAW akka ragaatti fudhatanii, masjiida keessatti nama awwaaluun hin barbaachisu. Akkuma jedhame Masjidatu qabritti dhaqe malee qabriin isaanii Masjidatti hin dhufne. Yeroo sanittis wanti kun mormiin guddaan isa mudateera. Kanaafuu qabrii fi Masjiida walirraa fageessuu barbaachisa.

 

Sheikh Saalah AlMunajjid.

Tags:
Table of Contents