< All Topics
Print

629: Eega salaatee booda huccu tiyyarratti najisa arke

Gaafii: Namni tokko eega salaata nama salaachisee xumureen booda huccuu isaa irratti yoo najisa arge salaata san ni deebisaa?

 

 

Deebisaa: Muslimni hundi waa’ee xahaaraa kana sirritti beekuu isa barbaachisa. Bu’uurri Salaataa xahaaraadha. Namni waan sadih keessatti xahaaraa hin qabne, salaatni isaa hin jiru. Qaamni, huccuu fi wanti irratti salaatan qulqullina qabaachuu qaba. Wantootni kunniin sadan qulqullina yoo hin qabaanne salaatni isaa fudhatama hin qabaatu. Wantoota kanniin osoo salaatatti hin seenin adda baafatuu nu barbaachisa. Haa ta’u malee eega salaatanii fixaniin booda yoo rakkoo ofirratti arkan salaata san hin deebisan.

 

Gama biraatiin osoo salaata keessa jiran wanti ofirraa baasuu danda’an rakkoo qabaachuu isaa yoo beekan; fakkeenyaaf, jaakeeta, fooxaa, kophee yoo taate ofirraa baasuudhaan salaata itti fufuun ni danda’ama. Guyyaa tokko Rasuulli SAW osoo namaan salaataa jiran Jibriil AS itti dhufee, “kopheen kee xurii qabdi” jennaan salaatuma keessa ofirraa baasan. Sahaabonnis ‘Nabiin arra maaliif kophee ofirraa baasan?’ jedhanii walumaan baafatanii darban. Haala kana keessatti salaata deebisuun hin barbaachisu.

 

Haa ta’u malee osoo salaata keessa jiran wantootni ofirraa baasuu hin dandeenyee fi huccuun qaamatti aanu rakkoo qabaatuu isaa yoo yaadatan salaata san guutumaan guututti addaan kutuun dirqama. Imaamallee osoo ta’ee bakka san nama biraa buusee addaan kutuu qaba. San booda huccuu jijjiirratee yoo wudu’a cabse wudu’a haarawoomsee salaatatti deebi’uu barbaachisa.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

Dhimmi xahaaraa qabaachuu fi qabaachuu dhabuudhaa karaa sadihiin laalamuu danda’a. Inni duraa xahaaraa qabaachuu fi qabaachuu dhabuu isaa beekuu dhabuudha. Kan lammataa ammoo irraanfatuudha. Inni sadaffaan ammoo wanti sun xahaara moo xahaaraa miti kan jedhu beekuu dhabuudha. Wantootni kunniin sadan ammoo Kutaa garagaraa lama jala seenu. Shakkii qabaachuu fi haqiiqaa ykn sirrii isaa beekuudha.

 

Islaamummaa keessatti yeroo hunda haqiiqaa ykn sirrii beekuutu Shakkii irra fudhatama qaba. Kanaafuu namuu ibaadaa isaa waan haqiiqatti beeku qofaan dalaguu qaba. Imaamu Al Nawawiin akkana jedhe, “Namni tokko najisni uffata isaa irra jiraachuu osoo hin beekin ykn ammoo beekee irraanfatuudhaan eega salaateen booda yoo yaadate salaata san deebisuun dirqamaa miti.”

 

Akka walii galaatti namni tokko najisa uffata isaa irra jiru irraanfatee, najisicha argee dhiquu irraanfatee, najisni isa tuquu isaa arguu dhabee, najisa ta’uu isaa beekuu dhabee, hukmii waan sanii beekuu dhabee, salaata dura moo booda kan jedhu adda baafatuu yoo dadhabe, salaata san deebisuun dirqamaa miti. Akkuma salaatetti fudhatuu qaba.

 

Rabbi Qur’aana keessatti Suuratul baqaraa irratti akkana jedha;

Rabbi Lubbuu waan isiin dandeettutti malee waan isiin hin dandeenyetti hin dirqu. Lubbuun hundi sawaaba waan dalagdee argatti. Ammas lubbuun hundi hamtuu waan daldeetiif qixaaxamti. Yaa Rabbi waan ati nu dhoowwite kan irraanfiin dalaydnerratti nu hin qixaaxin…. (Al Baqaraa 2:286)

 

Namni irraanfiin ykn beekuu dhabuu isaatiin waan dalagerratti hin gaafatamu. Kanaafuu salaata bifa Kanaan salaate deebisuu dirqama hin qabu.

 

Shiekh Saalah Al Munajjid

Tags:
Table of Contents