< All Topics
Print

694: Nashiidaan meeshaa muuziqaa qabu akkamitti laallama?

Gaafii: Nashiidaan akkamitti laallama? Muuziqaan halaala moo haraam?

 

 

Dr Sheikh Muhammad Haamiddiin

 

Kun waan nama ajaa’ibuudha. Muuziqaan haraamummaan isaa waan gaaffii keessa seenuu miti. Jalqabarratti aayaa qur’aanaa keessatti “waminannaas man yashtarii lahwal hadiisi” jedha.  Nama keessaa oduu daguu (kan ibaadaa irraa nama dagachiisu) nama bitutu jira. “Liyudillannaasa an sabiilillaah. Karaa Rabbii irraa nama jallisuuf.

 

Sahaabaan Rasuulaa SAW Abdallaah ibnu Mas’uud faan waan kana wayta fassaran muuziqatti fassaran. Hadiisa heddutu kan dhimma kanarraa haasawutu jira. Hadiisni tokko akkana jedha;

“Jara dhufutu jira. Jarri sun zinaa akka halaalatti laalan, kamriillee (farshoo) akka halaalaatti laalan. Muuziqaallee akka halaalaatti laalan. Rabbiin akka dachiin isaan liqimsitu isaan godha.\” (Sahiih Bukhaarii) hadiisa sahiihummaa isaa ulamaa’iin gurguddoon kan irratti walii galaniidha.

 

Kanaan alatti ijmaa’ni ykn walii galteen ulamaa’iitiis argameera. Mazhaboonni afran, kanneen afraniin ala jiranis dhimma kanarratti walii galaniiru. Namni kanniinirraa xiqqoo yaada addaa qabate Ibnu Hazmi qofa. Inni hadiisni Bukhaarii keessa jiru kun dadhabaadha jedhe.

 

Nashiidaan ykn walaloon bara rasuulaa SAW hayyamame kan gaafa cidhaa ijoolleen durbaa kophaa baatee taphattuudha. Kun hayyamamaadha. Dabalataan hoggaa duula deeman gootonni waan jechaa deeman qabu. Haa ta’u malee warroonni kunniin meeshaa muuziqaa fayyadamanii hin jiran.

 

Amma ammoo meeshaa muuziqaa fayyadamanii, dargaggoonni babbareedoon haala gaariin uffatanii, ijoollee durbaa if dura kaayanii nashiidaa jedhan. Kun haraama ta’uun isaa shakkii takkallee hin qabu. Rakkoon inni qabu, Qur’aanaa fi Hadiisa irraa nama dagachiisa. Kanaaf Rabbiin Qur’aana keessatti lahwal hadiisi ykn dubbii daguu jedhee isa waame.

 

Kanaafuu dogongorri maqaa nashiidaatiin dalagamaa jiru kun hundinuu waan dhaabachuu qabu. Haraamummaa isaa beekuu qabna. Ulamaa’iinillee cal’isuu hin qaban. Ulamaa’iin osoo taa’anii sagantaa irratti hirmaataa jiran nashiidaa muuziqaa qabu kan kiraaraa fii gitaara qabu dhiheessan. Wanti fokkuu tokko maqaa bareechisanis hin bareedu. Inni ofii isaatii badii waan ta’ee jiruuf jechaadha. Kanaafuu ummanni keenya waan dogongora ta’e kanarraa fagaachuu qaba.


===================

 

Sheikh Muhammad Waadoo

 

==================

Fatwaa biyya alaa

 

Haalli Nashiidaa haalaan jijjiirameera. Nashiidaan dur ta iimaana ittiin gabbifatan, kan jihaada irratti ittiin wal jajjabeessan fi tan beekumsa ittiin namaa dabalan turte. arraan tana garuu meeshaa muuziqaa itti dabaluudhaan, warra haraama dalagan akkeessuu, nama walitti laaqanii bashannansiisuudhaan guutamteerti. arraan tana munshida kamtu Sagalee bareedaa qaba, isa kamtu yeedaloo bareedaa qaba, isa kamtu sirritti nama gammachiisa kan jedhu laaluu yoo taate malee, dhaamsa nashiidichaatiif xiyyeeffannaa kennuun hafee jira.

 

Ulamaa’iin gurguddoon, warri jalqaba nashiidaa waan gaariif yaadanii hayyamanii turanis, ammaan tana hammeenya isaa ilaaluudhaan gariin irraa deebi’anii gariin ammoo ulaagaawwan garagaraa kaayanii jiru.

 

 

Sheikh Muhammad bin Saalih al Useeymin

(Rabbi rahmata isaaf haa godhu)

Akka natti fakkaatutti nashiidaan Islaamaa tan duraan beekamturraa jijjiiramteerti. Dur nashiidaan Sagalee nama hawatuun dalagamaa hin turre. Arra garuu Sagalee nama hawatu irratti waan babbareechisu itti dabalanii meeshaas itti galchuun namaaf dhiheessaa jiran. Kanaafuu namuu wantoota nashiidaa jedhaman kanniin irraa of qusatuu qaba. Haa ta’u malee namni tokko nashiidaa dhaamsa bareedduu qabdu, waan faaydaa hin qabne osoo itti hin makin, Sagalee isaa qofa fayyadamee osoo meeshaa muuziqaa itti hin galchin yoo nuuf jedhe rakkoo hin qabu. Hassaan ibn Saabit Rabbi isarraa haa jaalatuu Rasuulaaf SAW walaleessaa ture. (Duruus wa Fataawa al-Haram al-Madani, gaafii lakk. 18)

 

Waa’ee nashiidaa islaamaa irratti waan baay’etu haasawamaa jira. An yeroo dheeraaf osoo hin dhaggeeffatin irraa fagaadheera. Gaafa jalqabaa san nashiidaa islaamaa keessa rakkoon hin jiru ture. Dibbeen hin jiru, akkaataan itti dhihaataa tures akkaataa fitnaaf itti nama affeerutti hin turre. akkasumas Sagalee haraamaatis hin qabdu ture. Boodarratti jijjiiruu jalqaban. Dibbee fi meeshaa muuziqaa itti dabalan. Nama Sagalee bareedu barbaaduun dalagsiisuu itti fufan. Haala duraan dhihaataa turerraa jijjiiruun akkaataa muuziqaan haraamaa itti dhihaatutti namaaf dhiheessan. Haalli kun ammoo akkaan nutti ulfaate. Dimshaashatti ni hayyamama ykn ammoo dimshaashatti ni dhoorkama jennee fatwaa kennuudhaaf nutti jabaate. Wantoota amma tuqe kanniin osoo itti hin dabalin haala qulqulluun yoo dhihaate ni hayyamama. Haa ta’u malee dibbee ykn meeshaa muuziqaa yoo qabaate, nama Sagalee bareedu barbaadanii yoo jechisiisan, akkaataa muuziqaatti yoo namaaf dhihaate dhoorkaa ta’a. (Al-Sahwah al-Islamiyyah fuula 185).

 

Sheikh Saalih Al fawzaan

(Rabbi rahmata isaaf haa godhu)

 

“Wanti nashiidaa islaamaa jedhamu kun haga silaa yeroo kennamuufii qabu caalatu isaaf kennamaa jira. Inumaa akka gosa barnootaatti kaarikulamiin isaaf bocamee manneen barnootaa keessatti, kaampaaniiwwan muuziqaa waraabaa gurguran keessa seenuun, waraabbamanii gurguramaa mana namoota hedduu guutanii jiran. Dargaggoonni hedduunis wantoota kanniin dhaggeeffatuun shaagalamanii jiran. Haga Qur’aana, Hadiisa, da’waa fi barnoota barbaachisoo dhaggeeffatan caala nashiidaaf bakka kennaa jiran.”

 

Shiekh Nasruddiin Albaanii

(Rabbi rahmata isaaf haa godhu)

 

Osoon magaalaa Dimashq jiru dargaggoonni islaamaa, Warra Suufiyyaa dura dhaabbachuudhaaf jedhanii nashiidaa hayyamamtuu fi dhaamsa bareedaa qabdu namaa dhiheessaa turan. Nashiidaa tanas kaaseetaan waraabaa turan. Boodarratti dibbee itti dabaluu jalqaban. Jalqabarratti cidharratti dibbeen ni hayyama kan jedhu fudhatanii nashiidaa cidha irratti dhiheessuu jalqaban. Wanti kun ammoo kaaseetaan waraabbamaa namoota hedduuf raabsamuu itti fufe. Heddummaachuurraan kan ka’e namuu bakka hundatti karooraan malee, sagantaan malee dhaggeeffachuu itti fufe. Waan kanas kan ittiin of bashannansiisan taasisan. Bolola qalbii isaanii fayyadamee sheyxaanni isaan karaa irraa jallisuun Qur’aanaa fi hadiisa irraa isaan fageesse. Qur’aanaa fi hadiisa barachuu mitii, dhaggeeffatuunuu itti jabaataa dhufe. Akkuma aayaa Qur’aanaa suuratul furqaan suuraa 25 aayaa 30ffaa irratti ibsametti,

Nabi Muhammad akki je’e Yaa Rabbii kiyya ummanni kiyya Qur’aana itti amanuu dhiisanii itti dalaguu dhiisan.

 

Shiekh Saalah Al Munajjid

 

Dubbii ulamaa’ii kanniin irraa ka’uudhaan nashiidaan hayyamamtuu ta’uu isiitiif ulaagaa barbaachisu baasuun ni danda’ama.

1.Jechoonni nashiidaa san keessaa wantoota haraamaa fi faaydaa hin qabnerraa qulqulluu ta’uu qabu.

2.Nashiidaa meeshaa muuziqaa qabaachuu hin qabdu. Dubartootaaf qofa haala addaa keessatti dibbeen ni hayyamama

3.Sagaleewwan meeshaalee muuziqaa akkeessuudhaan dalagaman irraa qulqulluu ta’uu qaba.

4.Nashiidaa dhaggeeffachuun kan nama dalagaa kheeyrii irraa shaagalu ta’uu hin qabu. Qur’aana Qara’uu fi nama kara kheeyritti waamuu dhiisuun dalagaa kana irratti yeroo hedduu gubuun barbaachisaa miti.

5.Nashiidaan sun Sagalee dubartii bareeduun kan dhiira duratti ykn ammoo Sagalee dhiira bareedaan kan dubartoota duratti jedhamu ta’uu hin qabu.

6.Namni dhaggeeffatu nashiidaa dibbee qabuu fi kan qaama namaa akka hargufamu taasisu dhaggeeffatuu irraa fagaatuu qaba. Sababni isaa waan kana keessa fitnaa gara hammeenyaa nama geessutu jira.

7.Kaayyoon nashiidaa sanii dhaamsa malee Sagalee fi yeedaloo bareechisuu ta’uu hin qabu.

 

 

2 thoughts on “694: Nashiidaan meeshaa muuziqaa qabu akkamitti laallama?”

  1. Dhugaa ulmaan waan kana gadifageenya ummata barsisuu qabani tanaaf yeroo amma kana naashiidan muuziqaan ba’uu jirti

  2. As wr wb .
    Ergaa gaariitu karaa kanaan naqaqqabe. Worroota nashiidaa sagalee muuziqaatiin hojjatame dhageeffatu keessaa tokko ana. Insha Allah waan haaraam godhe irraa rabbiin nu haa tiksu hunduma keenyaa.

Comments are closed.

Table of Contents