< All Topics
Print

697: Nama qabeenya nama dhoorkate akkam godhan?

Gaafii: Namni tokko waa bira kaayadhee, waan bira kaayadhe san balleesse. Amaanaa tiyya naaf deebisi jennaanis, inni didee rincice. Amma boodaaf waan duraan itti ergaa ture san irraa yoo dhaabe, ta dabarte akkamitti deebifadha?

 

 

Deebisaa: Amaanaan waan jabduudha. Waan dachii fi samiin dadhabdee ilmi namaa baadhateedha. Osoo abbaa kee, haadha tee, obboleessa keetillee ta’ee haqa kee gaafachuu numa dandeessa. Namni firaa haqa yoo si dhoorkate, abbaa fi haadha keetitti himatuu dandeessa. Mootummaattis himatuu ni dandeessa. Osoo nama tokkoon hin gahin ofumaafis dhaqxee, haqa kee gaafachuu mirga qabda. Yoo inni sii deebisuu dide, nama alaa osoo hin taane haadhaa fi abbaa keetti himadhu. Yoo isaan dadhaban manguddoo fi ulamaa’itti himadhu. Kana hunda yoo dide, karaa mootummaatiin haqa kee barbaaduu mirga guutuu qabda.

Dr Liwaa’ul Islaam

 

 

Fatwaa biyya alaa

Amaanaan akkaan waan ulfaataadha. Rabbi Qur’aana keessatti akkana jedha;

“Nuti amaanaa, samii fi dachii fi gaarota irra finnee jirra. Isaan osoo humna guddoo qaban amaanaa baadhatuu didan. Ammoo nama itti finnaan numa qeebale. Inni if miidhe, waan dubbiin booda tayuu teessu hin beeku.” (Al Ahzaab 33:72)

 

Amaanaan karaa garagaraa lamaan laallamuu danda’a. Amaanaa walii galaa fi amaanaa Kophaati. Amaanaan walii galaa kan amantiidhaan wal qabatuu fi qajeelatti Rabbi wajji hidhata kan qabuudha. Qaaama keenya eeguun amaanaa walii galaati. Qaama keenya miidhuu irraa of eeguu qabna. Akka hin miidhamnes godhuu barbaachisa. Amantiin Rabbi nuu kenne, maatiin Rabbi nuu kenne hundi akka amaanaa walii galaatti laallamuu danda’a. Amaanaa kophaa jalatti ammoo wantootni sadih seenuu danda’an. Inni duraa qabeenyaa fi mallaqa namni nama bira kaayatuudha. Kan lammataa maqoo namni namatti himatuudha. Sadaffaan aangoo, itti gaafatamummaa hawaasaa fudhachuudha.

 

Amaanaan walii galaa fi kan kophaatis abbaa amaanaa san kennateefiif deebifamuu qaba. Fakkeenyaaf Rabbi ji’a ramadaanaa soomanaa nuun jedhe. Namni ji’a ramadaanaa keessa hin soomanin yeroo biraa qadaa deebisuu qaba. Kan adabbii qabus kaffaaraa kafaluu isa barbaachisa. Namni mallaqa namaa fudhates akkasuma waan san deebisuu qabaata. Kanaafuu amaanaan waan akkaan eeggamuu qabuudha.

Garaagarummaan Amaanaa walii galaa fi amaanaa kophaadhaa, amaanaa walii galaa keessatti Rabbi abbaa fedhee waan inni balleesse, waan shirkii gadii dhiisuufii danda’a. Amaanaa kophaa ammoo yoo namni namaaf dhiise malee Rabbi namaaf hin dhiisu. Qabeenya taatu qabeenyi sun abbichaaf deebifamu malee, ykn ammoo abbaan sun dhiifama godhuuf malee Rabbi namaaf hin dhiisu. Kanaafuu amaanaa namootaallee akkuma amaanaa Rabbii eeggannutti eeguu qabna.

Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan; “Harki ilma namaa haga waan fuudhe san deebisutti waan fuudhe saniif itti gaafatama.” (Ahmad 20098, Abu Daawud 3561, Tirmizii 1266, Ibn Maajaah 2400).

 

Haqa ilma namaa zulmiidhaan fudhachuun badii guddaadha. Adabbiin isaatis akkaan guddaadha. Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Namni obboleessa isaa miidhee asumatti rakkoo isaan jidduu jiru haa furatu. Boru dirhaamaa fi diinaarri irraa fuudhamu hin jiru. Dalagaa isaa kan toltuu qofatu irraa fuudhama. Yoo inni dalagaa toltuu hin qabaatinii, dalagaan hamtuu obboleessa isaa irraa fuudhamee isarratti tuulama.” (Bukhaarii 6534)

 

Haqa namaa deebisuun dirqama. Namnis haqa isaa fudhachuu mirga guutuu qaba. Haa ta’u malee namni haqa namaa fudhate sun rakkoof jecha waan san deebisuu yoo dadhabe, yeroo isaa kennuuun jaalatamaadha. Rabbi qur’aana keessatti akkana jedha;

\”Namni horii irraa qabdan yoo hiyyoomee waan kennu dhabe, hanga inni waa argatee isinii kennuu danda’u isaa eegaa.\” (Baqaraa 2:280)

 

Shiekh Saalaah Al Munajjid

Tags:

1 thought on “697: Nama qabeenya nama dhoorkate akkam godhan?”

  1. Asalaamu aleykum warahmattullaahi wabarakkaattuhu kabajamtotaa fi jalatamotaa wrotaa nura hudaa hudi

Comments are closed.

Table of Contents