< All Topics
Print

701: Mallaqa namni nama bira kaayate irraa zakaa akkamitti baasan?

Deebisaa: Namni tokko maallaqa isaa nama bira kaahatee, baankii kaahatee yookaan ammoo manuma isaatti kaaznaa yoo kaahates; bikkayyuttuu yoo woggaan itti naannaye zakaa irraa baasuun dirqama. Hangi irraa bahu ammoo maallaqa biyya kamuu haatahu Qarshii 1000 irraa qarshii 25’tu baha. Maallaqni Dirhama, Doolaara, Yuuroo yookaan Birrii Itoophiyaatis yoo tahe, hammi zakaan irraa bahu walfakkaataadha.

 

Dr.Liwaul Islam

 

Deebisaa Ulamaa Biyya Alaa

Waan hunda dura maallaqa irratti ulaagaaleen ijoon lama guutamnaan zakaan waajiba taha. Kan duraa hammi maallaqaa nisaaba guutuudha. Kan lammataa ammoo maallaqni sun eega argamee woggaa guutuudha. (Nisaaba Zakaa yoo bal’inaan dubbisuu feete gaafii 119ffaa dubbisi)  Maallqni kun osomaa nama bira kaahamee, takkaahuu baankii yookaan ammoo manuma ifii keessa yoo jiraateeyyuu zakaan irraa bahuu qaba. Dabalataanis maallaqni kun dhimma fedhuufuu yoo kaahames (mana bitachuuf, kaffaltii barnootaatiif, daldala jalqabuuf, aruuzaaf kkf) yoo kaayames, zakaa irraa baasuun dirqama.

 

As irratti wanti hubatamuu qabu; Baankii Ribaa keessa maallaqa kaahachuun dhoorkaadha. Haatahuu garuu bakki maallaqa kaahatan kan biraa yoo hin jiraannee, yookaan ammoo achi kaahachuun yoo dirqama namarratti tahe, ribaa malee kaahachuun ni hayyamama.

 

Dhumarrattis barbaachisummaa zakaa beekuun gaariidha. Rabbiin Zakaa maaliif akka ajaje ifatti nuuf himee jira;

 “…qabeenya isaanii irraa Zakaa fuudhi, (zakaa baasuun) qabeenyi isaanii akka qulqullaahufi akka guddatu godha”

 [al-Tawbah 9:103]

 

Ergamaan Rabbii –Sallallaahu Aleeyhi Wasallam- akkana jedhan: “Sadaqaa kennuudhaan qabeenyi nama jalaa hin hir’atu” Sahiih Muslim (2588).

Sheikh Saalah Almunajjid

 

Table of Contents