< All Topics
Print

708: Mallaqa dhalaa Baankitti dhiisuun akkami?

Gaafii: Horii yookaan maallaqa Baankii kaayadhee ture. Maallaqa haqa kiyya baafadhee kan ribaa ammoo yoo achumatti dhiise akkami?

 

 

Deebisaa: Yaa Gabricha Rabbii, Maallaqa ribaa sanis silaa achitti dhiisuun sirra hin turre. Sababni isaa horii saniin bataskaanni ijaaramuu mala, kufriin ittiin jabeeffamuu mala, muslimni ittiin miidhamuutu mala. Kanaaf silaa horii ribaa san achirraa baaftee, mana fincaanii kan masjidaa fa’a, karaa makiinaa…kkf ittiin ijaarsisuu qabda. Walumaa galatti waan namni hin nyaanne, waan namni hin dhugnee fi waan namni hin uffanneen, karaa biraa irra oolchutu barbaachisa. Kanaafuu achii baasuu qabda.

 

 

Dr. Liwa’ul Islam

 

 

Fatwaa Biyya Alaa

 

Wanti jalqabarratti hubatamuu qabu. Ribaan karaa kamiinuu haraama. Kennuunis fudhachuunis islaamummaa keessatti hin hayyamamu. Dhimma kanarratti Rabbi ifatti qur’aana isaa keessatti dubbateera. Suuratul baqaraa Suuraa 2ffaa aayaa 278 fi 279 irratti akkana jedha;

 

Yaa warra Rabbitti amantan, yoo dhugaan Rabbitti ka amantanii waan Ribaa jedhamu dhiisaa. Yoo diddanii ribaa nyaattan, lola Rabbii fi Ergamaan isaa isinirratti banan beekkadhaa. Yoo ribaa nyaatuurraa deebitan, mataa horii keessaniitu isiniif jira. Horii namaa nyaattanii hin miitan, Horiin keessanis nyaatamee hin miidhamtan.

 

Kanaafuu ribaa kennuunis ta’e fudhatuun Rabbii fi Rasuularraa lola ofitti waamuudha. Namni muslimaa waan kana akkaan eeggatee irraa fagaatuu qabaata. Mallaqa keessan bakka ribaan hin jirre geessuun kaayuun dirqama. Osoo bakki dhalarraa bilisaa jiru, baankii dhaqanii mallaqa dhalaan wajji kaayuun dhoorkaadha. Namni mallaqni keessan dhala irra jiru daddaffitti mallaqa keessan san bakka sanii jijjiiruu isin barbaachisa. Haa dhalu hawaasa ittiin tajaajila jechuun hin ta’u.

 

Namni osoo hin beekin mallaqa isaa dhalaan kaaye ykn dirqama itti ta’e dhalaan kaaye rakkoon isarra hin jiru. Fakkeenyaaf mootummaan dirqamsiisee ykn ammoo baankiin dhala hin qabne dhabamee dirqamee kaa’uu danda’a. Ta’ullee mallaqa san itti fayyadamuu hin qabu. Akka ulamaa’iin hedduun jedhanitti mallaqa san baankitti dhiisuunis hin ta’u. kanaafuu mallaqa san baasee wantoota hawaasa tajaajilan irratti oolchuu qabaata. Fakkeenyaaf mana fincaanii qotuu, daandii sirreessuu, idaa namootaa kafaluu dadhabanii kafaluu fi kanneen fakkaatan irra oolchuu qabaata. Yeroo kanatti mallaqa sanirraa akka hin fayyadamnetti ofirraa fageessuu barbaachisa.

 

Namni osoo beeku baankii dhala wajjiin kaaye garuu badii keessa jira. Mallaqni tun eega dhaleen booda baasee hawaasa ittiin tajaajila jechuun, akka mana farshoo banee farshoo gurguree mallaqa achirraa argamu hunda masjiidatti sadaqadha jechuuti. Osoo beekan karaa haraamaatiin mallaqa argachuuf carraaquun badii guddaadha. Akkuma farshoo gurguruun dhoorkaa ta’etti mallaqas karaa dhalaatiin argatuudhaaf yaaluun dhoorkaadha. Akka imaamu Azzahabiiti ribaan ykn dhalli badii gurguddaa jedhaman keessaa sadarkaa 12ffaa irra jira. Farshoo gurguruun ammoo badii sadarkaa 19ffaa irra jiruudha. Kanaafuu badiin dhalaan wal qabate badii farshoodhaa ni caala. Farshoon dhoorkaa taanaan ammoo dhalli gaafiiyyuu hin qabaatu.

 

Doktor Zaakir Naayik

 

Akka walii galaatti namni Muslimaa horii ribaa dabalatee kan haraamaa irraa argame hunda ofirraa fageessuu qaba. Itti fayyadamuu hin qabu. Kana jechuun maallaqa ribaan argame nyaata, dhugaatii, baasii manaatiif (kiraa kafalachuu fi manaan ijaarachuuf), masruufa maatiidhaaf oolchuu,  ofii isaatiif barnootaaf kafalachuu fi kkf itti fayyadamuun hin tahu. Dabalataanis maallaqa ribaatiin gibira, qaraxaa fi kkf ofirraa kafaluunis hintahu. Zakaanis maallaqa ribaatiin hin kafalamu.

 

Haa tahu malee maallaqa kana dhimmoota bu’aa qaban hedduuf oolchuun barbaachisaadha. Namoota fira hin tahin kan rakkataniif kennuu, baasii wal’aansa fayyaa namoota rakkatanii kafaluu, namoota idaa ofirraa kafaluu dadhaban irraa idaa kafaluun ni danda’ama. Dabalataanis maallaqa kanaan dhaabbilee islaamaa gargaaruun ni danda’ama. Fakkeenyaaf mana fincaanii kan masjidaa ittiin ijaarsisuu, karaa ittiin ijaarsisuu, kkf irra oolchuun ni danda’ama. Ilmaan hiyyeessaa kafaltii barnootaa kafalachuu dadhaban irraa maallaqa kanaan kafaluun ni taha. Barnootni kun kan hayyamamuu fi karaa kamiinu kan islaamummaa hin faallessine, kan miidhaa hin qabaanne tahuu mirkaneessuu barbaachisa.

 

Asirratti wanti hubatamuu qabu, maallaqni kun haraama kan tahe namticha horii isaa waliin ribaan kennameef malee, namoonni biroo kan nama kanarraa maallaqa kana argatan rakkoo ittiin bahuun ni hayyamama. Maallaqni kun akka maallaqa lafaa argameetti lakkaahama.

 

 

2 thoughts on “708: Mallaqa dhalaa Baankitti dhiisuun akkami?”

  1. Amma asirratti wanti naaf hin galin tokkootu jira. Tajaajila dhalarraa bilisaa jettee kan Baankiileen biyya teenya kannitu kun dhuguma akkasii!? Foddaa takkaan kan dhalaa taniin kan dhalarraa bilisaa!!. San bira kuti maallaqni ati achi keessa kaayyatu dhaluun isaa hin oolamu yoo akkas tahe hanga inni dhale beekhuu hin dandeessu baankuma ati kaayyatteetu dhalaas dalaga waan taaheef yoo keetiitii maqaaf ati dabtara dhalarraa bilisaa qabda. Saniif hoo itti gaafatamummaa jalaa bahuun ni dandahamaa!????

    Baankiilee Islaamaa taan qofa akka hin fayyadamneefiis bakka hunda hin jirtu maaluma wayya laata!.

Comments are closed.

Table of Contents