< All Topics
Print

710: Namni tokko yoo maraate horii isaa fayyadamuun danda\’amaa?

Gaafii: Adeerri kiyya tokko qalbiin akka tokko taatee (maraatee) dhabame. Horiin isaa cufti abbaa kiyya bira jira. Abbaan kiyya horii kana akkam godhuu qaba?

 

 

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii wanti kun waan si laaluu miti. Waan abbaa kankee laalu. Abbaa keetiif nasiihaa yaadi. Horiin kun amaanaadha. Adeerri kee kun yoo ilmaanii fi warra qabaate isaaniin gahi. Yoo warraa fi ilmaan hin qabaanne waan kheeyrii qabu kan addunyaa aakhiratti isa fayyadu tan addunyaa lachuttuu inni itti milkaayu, masjiidaan ijaaruu fi waan kheeyrii qaburratti akka isaaf oolchu abbaa keetitti himi. Horii isaa san waan inni fayyaa dhabeef jecha abbaan kee kiyya jedhee itti fayyadamuun isarratti haraami. Keessattuu inni addunyaa kanarra lubbuun jira taanaan dhoorkaadha. Yoo inni addunyaa kanarra hin jirre taate ammoo abbaa kankee qofa hin laallatu. Haadhaa fi Abbaa nama sanii waamanii warreen isa dhaaluu, akka hukmii shari’aati adda qooddatuu qaba.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Akka walii galaatti namni tokko rakkoo sammuutiin yoo miidhamee jiraate, yookaan akka duraan qajeelchee yaadutti yaaduu yoo dadhabe, mallaquma qabuu akka hin fayyadamne taasifamuu qaba. Mallaqa isaa san namni wahii toohachuu qabaata. Namni amanamaan mallaqa san karaa seeraatiin toohatu akka isa tajaajilu haa godhamu.

 

Hayyama Rabbii ta’ee namni sun deebi’ee fayyuu danda’a. Fayyee qabeenya isaa gaafatuu danda’a. kanaafuu qabeenya isaa akkuma argan godhanii fixuun hin barbaachisu. Akka innis akkuma arge godhee harcaasee bittinneessu hayyamamuu hin qabu.

 

Ibn Qudaamaah (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) “namni tokko dulloomee ykn fayyaa dhabee yoo waa qajeelchee yaaduu dadhabe qabeenya san ofii isaatii akka hin fayyadamne godhamuu qaba. Namni dulloomee waa qajeelchee yaaduu dadhabe ykn namni dhukkubsatee maraate, akka ijoollee xixiqqootti laallama. Kanaafuu qabeenya san namni biraa toohachuu qabaata” Jedhe.

 

Fira isaatis haa ta’uu, firri dhabamee namni mallaqa san akka too’atuuf qaadiin shuumame mallaqa san seeraan tajaajiluu qabaata. Akkasumas mallaqa san namuma dhukkubsatee fi maraate san ittiin tajaajiluu qaba. Namni filatamu kun nama nama san sirritti beeku ta’uu qaba. Waan namni dhukkubsate ykn maraate jaalatuu fi jibbu kan beeku ta’uu qaba. Abbaan qabeenyaa sun osoo hin dhukkubsatin dura qabeenya isaa waan akkamii irra akka oolchu, waan akkamii bitatuu akka fedhu, nama sirritti beeku ta’uu qaba. Akkanumaan nama hin beekne itti godhanii akka mallaqni dhumuuf jecha nama mallaqa san usee dhangalaasu ta’uu hin qabu. Yoo namni isa beeku dhabame nama amanamutu itti godhama. Hundaa olitti qabeenyi sun fayyaa nama sanii kunuunsuu irratti baafamuu qabaata. Sunis karaa amansiisaa fi qabeenya san hin miineen ta’uu qaba.

 

Waan kanarraa hafeen qabeenya san waan nama dhukkubsate san hin fayyadne irratti dhangalaasuu hin barbaachisu. Waan inni umrii isaa guutuu hin hojjanne ykn hin bitanne mallaquma fixuuf jedhanii bituun hin barbaachisu. Qabeenya san eeguuf jecha wantoota barbaachisan hojjachuun dhoorkaa hin qabu. Fakkeenyaaf waan akka lafaa fi manaa yoo taate dallaya itti tolchuu fi akka manni sun hin diigamne suphuun ni danda’ama.

 

Yoo murtiin Rabbii dhufee namni sun gara aakhiraa godaane, mallaqa san namoota dhaaluu danda’antu jira. Kanaafuu mallaqni sun namoota sanniin jiddutti qoodamuu qaba. Namni tajaajilaa ture ykn namni mallaqni bira taa’aa ture guututti fudhatuu hin qabu.

 

Sheikh Saalih Al Munajjid

 

1 thought on “710: Namni tokko yoo maraate horii isaa fayyadamuun danda\’amaa?”

Comments are closed.

Table of Contents