< All Topics
Print

711: Jaarsi kiyya abbaa kiyya akka hin gargaarre na dhoorke

Gaafii: Anii fi Abbaan mana kiyyaa wal jaalannee wal fuune. Osoma waliin jiraannuu, ani al akka takka haadhaa fi abbaa kiyya gargaaruu fedha. Yeroon abbaa mana kiyyaa Kanaan haadhaa fi abbaa kiyya gargaaruu fedhaan jedhuun, “nageenyi naa fi si jidduu akka jiraatu yoo feete haadha kee gargaari, abbaa kee garuu hin gargaarin. Maaliif jennaan gaafan si fuudhu humna kiyyaa ol gabbara jedhee waan guddoo narra kaaye. Saniif aarii itti qaba” naan jedhe. Jechaa isaa kanan fudheetiin gargaarsa abbaa kiyyaa dhiisa moo, malli kiyya maali?

 

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, yoo wanni ati warra keessan gargaartu kun, waan dafqa keetii, ka dalagde taate, wanni takkallee kan isaan mari’attu hin jiru. Haadhaa abbaa kee gargaaruu dandeessa. Ta lammeessaadhaa karuma taheenuu, abbaa keetii fi abbaa mana keetii walitti gammachiisuu, walitti tolchuu, walitti fayyisuun sirra haa jiraatu. Kana hin irraanfatin.

 

Dr Liwaa’ul islaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Wanti jalqaba irratti beekamuu qabu mallaqni sun kankee ta’uu isaa mirkaneeffachuu qabda. Mallaqa kankee irratti sima qofatu aangoo qaba. Namni tokko dhiiras haa ta’u dubara, yoo dandeettii qabaate, abbaa fi haadha isaa kan gargaarsatti haajaman gargaaruun dirqama isaati. Rabbi Qur’aana keessatti Suuratul Israa’ aayaa 23ffaa irratti akkana jedha:

 

Rabbiin kee gabroottan isaa Isa malee waan biraa gabbaruu dhabutti ajajee jira. Ammallee haadhaa abbaa tola oolutti ajajee jira.

 

Haadhaa abbaatti tola ooluu jechuun yeroo barbaadanitti mallaqaan gargaaruus of keessatti qabata.

 

Ibn al Munziir (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedhe, “Ulamaa’iin Haadhaa fi abbaa humna hin qabne, ijoolleen waa qabdu gargaaruun waajiba akka ta’e waliin galaniiru.”

 

Sheikhul Islaam ibn Taymiyyaah (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) “Ilmi dureessi, abbaa fi haadha waa hin qabne, haadhotii warraa abbaa isaa, fi obboleewwan isaa qarqaaruu qabaata” jedhe.

 

Haadhaa abbaa kankee yoo qabaatte qarqaaruun dirqama kee waan ta’eef isa hayyamsiisuun si hin barbaachisu. Ergamaan Rabbii SAW “Ajaja Rabbii faallessuu keessatti ajaja nama biraa fudhachuun hin ta’u. waan gaarii irratti qofa yoo isin ajaje ajajamtan” jedhaniiru. (Bukhaarii 4340, Muslim 1840)

 

Ajaja Rabbii keessaa tokko haadhaa fi abbatti tola ooluudha. Kanaafuu ajaja Rabbii kana ajaja abbaa warraatiif jedhanii dhiisuun hin ta’u. Dubartoonnis jabaachuu qabaatan. Abbaa warraa isaaniitiifi abbaa isaanii jidduu yoo wal lolli jiraate walitti araarsuun barbaachisaadha.

 

Sheikh Saalih Al Munajjid

2 thoughts on “711: Jaarsi kiyya abbaa kiyya akka hin gargaarre na dhoorke”

Comments are closed.

Table of Contents