Deebisaa Gabaabduu
Yaa Gabricha Rabbii! Dhiiraafii dhaalaattis nama ajjeesuun inuma mudata. Haata’u malee hunda dura wanti beekuu qabnu, Rabbiin akka nuti lubbuu namaa hin balleesine suuraa Nisaa’ Aayaata 93 irratti nu akeekkachiise.
“Namni osoo beeku mu’imina ajjeese, mindaan isaa achi keessatti kan waaru (hafu) ta’ee jahannami; Rabbiinis isa irratti dallanee isas abaaree jiraa; adabbii guddaas isaaf qopheesse”
Suuratul Furqaan ayaata 68-70 keessattis; “Ammas isaan Rabbi wajjiin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin ajjeesuu haraama godhe haqaan ala hin ajjeefneefi hin sagaagalleedha. Namni (hojii gadhee) kana raawwate, adabbii qunnama. Guyyaa qiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifama. isa keessa salphifamaa tahee yeroo hundaa jiraata. Nama towbate malee…” jedhe.
Kanaafuu Namni nama ajjeese wanti jalqaba godhu Towbaadha, Kan itti aanu gabra mu’iminaa bilisoomsuudha. kan itti aanu ammoo diyaa yokaan gumaa dhiigaa kafaluudha. namni waan gabra ittiin bilisoomsu hin argatin ji’a lama walitti aansee soomutu isarra jira. Kanaan ala wanti badii tana isarraa buusu hin jiru.
Dr. Liwaa’ulislaam
Deebisaa Ulamaa’ii biyya alaa
Bekaa nama ajjeesuun, keessumattuu nama muslimaa ajjeesuun dilii gurguddoo keessatti ramadama.
Rabbiin akkana jedha. “Namni osoo beeku mu’imina ajjeese, mindaan isaa achi keessatti kan waaru (hafu) ta’ee jahannami; Rabbiinis isa irratti dallanee isas abaaree jiraa; adabbii guddaas isaaf qopheesse” An-Nisaa ayyaata 93
Ergamaan Rabbiiitis (SAW) akkana jechuutu gabaafame. “Namni tokko amantaa isaatiin haala gaarii irra jira, hanga dhiiga jigsuun (nama ajjeesuun) isarratti haraam godhame hin jigsinitti” jedhan.
Nama mu’iminaa beekaa ajjeesuun, mirga qaama sadihii sarbuudha. Mirga Allaah, Mirga nama ajjeefamee, mirga maatii namni jalaa ajjeefamee.
Mirga Allaah ilaalchisee Towbaa qulqulluu yoo goodhan Rabbiin namaa dhiisa. Ragaan isaatis; “Yaa Gabroottan kiyya warra (hamtuu fi dilii dalaguun) nabsee teessan irratti daangaa dabartan, Rahmata Rabbii irraa abdii hin kutinaa! Dhugumatti inni (Rabbiin) dhiifama godhaafi Rahmata godhaadha” al-Zumur:53
Mirga nama ajjeefamee ilaalchisee-inni waan hin jirreef hanga gaafa qiyaamaatti wanti namarraa bu’u hin jiru. Sun kan ajjeefameefi kan ajjeeses waliin Rabbii isaanii duratti dhihaatanii dhimmi isaanii ilaalama. Haatahuutii garuu namtichi ajjeese duniyaa irratti Towbaa qulqulluttii yoo deebi’e, guyyaa qiyaamaa Rabbiin namticha ajjeefamee wanta isa gammachiisuun isa geggeessee kan ajjeeses bilisa baasa Inshaa Allaah!
Mirga Maatii namni jalaa ajjeefamee ilaalchisee, hanga warra saniif dhihaattee harka kennattee dhiifama siif godhanitti haqxi isaanii sumarra jirti. Si ajjeesuun haloo sirraa bahuun, gumaa dhiigaa sirraa nyaachuu fi dhiifamaan irra sii dabruun mirga isaaniiti.
Sheikh Saalah Al Munajjid
Deebisaa Dr. Zaakir Naayik
Rabbiin Suuraa Maa’idaa Aayaata 32 irratti akkana jedha.
“namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa badii babal’isuun alatti ajjeese; akka waan nama hunda ajjeeseti. namni isii jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti” jedha.
Lubbuu ilma namaa kamuu baasuun dilii guddaadha. Namni sun nama amantii fedhe hordofus yoo tahe, lubbuu isaa baasuun akka waan ilma namaa hunda fixuutti laallama. Lubbuu nama tokkoo du’arraa oolchuun ammoo, akka waan nama hunda jiraachisuutti laallama.