591: Ramadaana keessa jaartii dhungachuufi itti maxxananii ciisuun akkami?

  • Home
  • Bultii
  • 591: Ramadaana keessa jaartii dhungachuufi itti maxxananii ciisuun akkami?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Anaafi jaartiin tiyya, gaaf tokko Ramadaana keessa walitti maxxannee waliin rafne. Garuu walitti hin qananiine. Nu lachuu waatu nurraa bahe. Soommanni keenya sun akkam taha?

 

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii; namni waan shari’aan irraa dhoorkitu cinaa deddeemu, yoo itti deddeebii guddise waan san numa itti seena.

 

Ilma namaa tahee kan fedhinnaa foonii hin qabne hin jiru. Keeysaahuu baatii soommanaa keessa jaartii ofii wajji walitti maxxananii ciisuun gama waan biroo si geeysuu dandaha. Baatii Ramadaanaa keeysa osoo soommanaan jirtu jaartii teetti maxxantee ciisuun haraamii miti. garuu gama waan biroo si harkisa.

 

Rasuulli (SAW) baatii Ramadaanaa keeysa warra isaa irraa hin fagaatan. Akkuma haati teenya Aaishaan (RA) jette, “Nabiin (SAW) baatii Ramadaanaa keeysa warra isaa ni dhungata. Isin garuu akka isaatii miti. if qabuu hin dandeeysan, kanaafuu baatii Ramadaanaa keeysa osoo soommanaan jirtan warra keeysan hin dhungatinaa” jette.

 

Namni of abdatu baatii Ramadaanaa keeysa huccuu uffatee jaartii ofii ofitti maxxansee waliin ciisuu ykn rafuu mirga guutuu qaba. Tanaaf diliin isarra hin jirtu. Garuu yoo walitti maxxanuu saniin fedhinnaan kan itti ka’u tahe, addaan fagaatanii makhaddaa adda addaa kaayachutu barbaachisa.

 

Walitti maxxanuu saniin yoo bishaan namarraa bahe, kun akka lamatti laallama.

 

1ffaa: Bishaan bahe sun yoo bishaan qulqulluu sababaa fedhinnaa qofaaf dhufu tahe, Soomanni guyyaa sanii hin badu.

 

2ffaa: Yoo bishaan yeroo wal qunnamtii saalaa godhan namarraa bahu (Maniyyii) tahe soomanni guyyaa sanii ni bada. Bishaan Janaabaa ni beekama. Ni utaala, Qaama nama buta, mi’aa qaba. Yoo haala Kanaan bishaan janaabaa namarraa bahe soomanni guyyaa sanii ni bada.

 

Yoo bishaan Janaabaa jara lameen irraahuu bahe, soomanni guyyaa sanii ni bada. Haala kana keessatti kaffaaraan isaan irra hin jiru. Garuu qadaa soommana guyyaa sanii deebisuufi gama Rabbii isaanii deebi’anii tawbaa godhuu barbaachisa.

 

Garuu akka nama wal qunnamtii saalaa godheetti kaffaaraan isinirratti hin jiru. If duraaf garuu waan akkanaa irraa fagaadhaa.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Guduunfaa

 

Jaarsaafi jaartiin osoo soommanaan jiran yoo walitti maxxananii ciisanii janaabayan, wanti kun diliidha. Rabbii isaanii Araarama kadhachuu qaban. Soomana guyyaa saniitis deebisuun isaanirratti dirqama. Sa’aa janaabaan isaanirraa bahe saniirraa hanga sa’aa ifxaaraatti nyaachuufi dhuugus hin qaban. Akkuma nama soommanaan jiruutti qooqa ooluu qaban. Galgala sa’aa ummanni soomanaan oole soommana furutti isaanis nyaachuu dandayan. Soommana guyyaa sanii qadaa deebisuun dirqama. Walumaa galatti baatii Ramadaanaa keeysa yeroo soomanaan jiran waan akkanaa irraa fagaachuun irra filatamaadha.

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 1672

Kanas dubbisi!

592: Jaartii xurii laguu irra jirututti ida’amuun akkamitti laallama?
587: Jaartii Faskii of goote (gaa’ela diigde) deebifachuun danda’amaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top