24: Qaama ofii jijjiiruun hayyamamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Akkamitti jismii ufii jijjiiruun mijjaawa zamana ammaa namni gurra jijjiirataa jiraa, ija jijjiirataa jiraa, yooka funyaan Afaan waan adda addaa jijjirataa jiraanii kun waan yeroo dheeraa lafa araba keessatti rakkoo isaanii kana bira yeroo dhaqnu hunda rakkoo isaanii irraa nu gaafatanii rakkoo isaanii argine jechudha. Amma nu’uu garasitti nu yaamuutti jiranii mee diliin isaa hangam takka gahaa? Moo ni hayyamamaa?

 

 

Deebisaa: Jismii jijjiiruun Shari’aa Rabbi keessatti dilii gurguddoodha. Akka sheeyxaanni dhaammatee dhaaddatee Rabbi biraa bahe sani; uuma ati irratti uumte sani hanga isaan irraa jijjiiree jijjirsisutti hin dhiisuu jedhe sheyxaanni. Dura jecha sheyxaanaa kanaafii waan uf jijjiiruun dhoorkaa ta’e. Wanni ulmaan irraa dubbataa turte, rifeensa diimeffachuu fa’a, rifeensa gartanii addaatee gurrachessuu qalama dibanii, waan akkana kanatti fassaramaa ture. Amma eega funyaan jajjallatee qajeelfachuun dhufee, eega gurra guddate ofirraa gabaabsanii muruun dhufee, haala adda addaatiin ummanni araba kun ittiin fattanamee, dubra keennalee amma kunoo akka obboleeettiin teenna jette nutu horii isin irraa kafalaa dhaqaa uf babbareechaa uf tolfadhaa jechutti jiran. Haalli akkanaa kun haala dogoongoraatii, haala kalaxa gurgurdoo namarratti fidaatii, haala gartanii cifraa sheyxaanaa ta’uutti achi dabruutii, cifraa ummata Muhammad irraa bahanii jechu. Haalli kun kasaaraa gurguddoodhaa bboleewwan teenya akka irraa fagaatan. Bakka arganittillee waan danda’aniin akka irraa dhoorkan jechuudha obboleewwan isaanii ka dubara araba. Dhaamsi guddaan kana goonaaf jechu. Sheeyxaanatu dhaaddatee Rabbii guddaaa biratti, Rabbiinillee Qur’aana keessatti warri  karaa kiyya qabate si jala hin deemuu maaliif jennaan warra jallinaan karaa Rabbii arkaa didee sijala deeme malee, warra muminotaa human irratti hin qabdu, isaani irratti angoo hin argattuu, maaliif? Muuminoota iimaana qaban kaa, ilmii beekanii diinii Rabbii beekanii, sheeyxaanummaa kee beekanii dubbii kee hin dhagahanii jedheen Rabbiin guddaan. Muuminoota abdatee akkana dubbate Rabbiin. Muuminoota iimaana isaan irratti Rabbiin guddaan irraa gammachuu qaba. Garuu warra jallinaan si jala deeme fudhadhuu jahannamatti dabriin jedheenii jira Rabbiin guddaan SW kanaafuu uf jijjiruuuniif qaama ufii jijjiiruun dogoongora gurguddaa, badii gurguddaa keessatti argamaa haa Rabbi sodaannu.

Sheikh Alii Jimmaa

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 344

Kanas dubbisi

38: Nikaan eega zinaa dalage hidhadhe akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!