001: Laa ilaaha illa Allaah jechuun maal jechu?

  • Home
  • Salaata
  • 001: Laa ilaaha illa Allaah jechuun maal jechu?
Estimated reading time: 1 min

Hiikaa gabaabaa

Laa = Hin jiru

Ilaaha = Gabbaramaan

Illaa = Malee

Allaah = Allaah

Yoo walitti deebisnu ‘Haqaan Gabbaramaan Allaah malee hin jiru’ jechuudha.

Laa ilaaha illaa Allaah jechuun jechuun bu’uura Islaamummaati. Namni tokko amantii biroo Irraa islaamummatti seenuu (deebi’uu) yoo fedhe. Jecha tana afaaniin dubbatee, (Muhammadan Rasuulullaah) jechuus itti dabaluu qaba. Tun hundee Tawhiidaati. Tawhiida jechuun tokkichummaa Rabbii ragaa bahanii mirkaneessuu jechuudha.

Namni Laa ilaaha illaa Allaah jedhu hundi. Jecha tana hiika isii sirritti beekuu qaba. Ulamaa’iin akka jedhanitti, jechi tun ulaagaa gurguddoo heddu qabdi. Ulaagaalee ulamaa’iin tarreessanirraa muraasni.

  1. Beekumsa

    Namni tokko Laa ilaaha illaa Allaah jechuun duratti waan kanarratti beekumsa qabaachuu qaba. Gooftaan hawaa guutuu uume. Kan uumama hunda toohatu Allaah tokkicha. Isaatu mootii uumama hundaati. Isaatu haqaan gabbaramuu haqa godhata. Isa malee waan biroo gabbaruun shirkii akka tahe beekuun dirqama. Rabbiin guddaan akkana jedhe.

    Warri Rabbii gaditti waammatan, namoota dhugaa beekanii ragaa bahaniif malee, manguddummaa seenuu hin danda’an. Surah Zukhruf 43:86

  2. Dhugoomsuu

    Beekuufi dhugoomsuun waan adda addaati. Barataan tokko mana barnootaa dhaqee wayta baratu. Waan barsiisaan isa barsiisu hunda beekuu dandaha. Garuu hunda dhugoomsa jechuu miti. Fakkeenyaaf barsiisaan ‘namni jaldeessarraa dhufe’ jedhee hoggaa barsiisu. Barataan kun waan kana beekee jira. Garuu dhugoomse jechuu miti. Gabaabinaan mootummaa Rabbii guddaa eega beekanii booda dhugoomsuunis ulaagaa Laa ilaaha illaa Allaah keessaa tokko. Mootiin uumama hundaa, kan waan hunda toohatu, kan guyyaa qiyaamaa ilma namaa hunda lubbuu itti deebisee gaafachuuf jiraatu Allaah tokkicha tahuu beekuufi dhugoomsuu qaba. Rabbiin guddaan Qur’aana isaa keessatti akkana jedhe.

    Mu’mintoonni isaan Rabbiifi Ergamaa isaatti amananii shakkii takka malee dhugoomsanii, qabeenyaafi lubbuu isaanii keessatti qabsaawaniidha. Dhugumatti isaan warra dhugaati. Al Hujurat 49:15

  3.  Ajajamuu
    Waan Laa ilaaha illaa Allaah’n ajaju hunda qaamaafi qalbiin itti dalaguun dirqama. Namni Laa ilaaha illaa Allaah jedhe yeroo hunda isa gabbaruu qaba. Isaaf salaatuu, soommanuu, zakaa baasuu fi waan Rabbiin ajaju hunda hojjachuu qaba. Namni jireenya Rabbii beekee dhugoomsu, ajaja isaa jala deemuun dirqama taha.

Ulamaa’ileen ulaagaa Laa ilaaha illaa Allaah hedduu tarreeysan. Kan birootis hedduutu jiru. Gabaabinaan namni tokko Laa ilaaha illaa Allaah hoggaa jedhu. Dhimma kanarratti beekumsa qabaachuu qaba. Itti amanee dhugoomsuu qaba. Akkasuma Allaah’f ajajamuun dirqama isaati jechu.

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 974

Kanas dubbisi!

02: Sunnaa Wudu’aa
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top