111: Lukkuu fayyaa dhabde ajjeesuun ni tahaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Warshaa lukkuu itti guddisan keessan dalaga; doktoroonni fayyaa lukkuudhaa kana eegan nutti dhufanii lukkoolee dadhabbii qabdu tana gataa nuun je’an, akkasitti gidaaraan dhoofnee ajjeesnee darbina. Eega ajjeesneen boodatti ibiddaan gubaa nuun je’anii akkasitti gubna.

 

Deebisaa: Dhiiroo jarri akkana godhaa isiniin je’u kun warruma Muslimaatii? Gaafii tee walumaagalattuu Yaa gabricha Rabbii; Nabiin keenya akki je’e, abbaa ibiddaa malee ibiddaan namni tokko nama azaabuu hin danda’u. Mootummaan tama Rabbiiti. Tanaaf jecha makhluuqa ibiddaan gubuun dhoorka. Gidaaraan tumtanii ajjeesuun dhoorka. Hoggaa waa qaltanillee albee qaradhaa nuun je’e Nabiin keenya . Kanaaf jecha ablee fuudhaatii lukkuulee dhukkuba qabdu san qaqqalaa. Ibiddaan gubuu didaa isaan haa gubanii. Yoo akkas malee si didan dalagaa san bakka sanirraa jijjiiradhu. Namni waan takka Rabbiif jecha dhiise Rabbiin ta irra caaltu isaaf kenna.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 553

Kanas dubbisi

176: Namni tokko ka intala takka karaa haraamaatiin itti dhufe eegasii deebi’ee fuudhuu ni dand’aa?
38: Nikaan eega zinaa dalage hidhadhe akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *