208: Sunnaalee Rawaatibaa

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Sunnaa Rawaatibaa kan salaata shanan wajji deemtu yeroo garii salaatanii yeroo garii dhiisuun rakkoo qabaa?

Deebisaa: Gaafii tana fakkeenya gaariin deebisuun gaari. Namni tokko bakka hojiitii mindaa isaa ni fudhata. Mindaa guutuu argachuuf sa’aa hojii hunda bakka hojiitti argamuu qaba. Yoo sa’aa dabalataa (Overtime) hojjate ammoo, mindaa isaa irratti kafaltii dabalataa argata. Overtime hojjachuun kafaltii dabalataa argachuuf isa gargaara.

Salaanni Sunnaatis akkasi. Rabbiin salaata waajibaa irraa nu gaafata. Salaata sunnaa yoo feene ni salaanna. Yoo feene ni dhiisna. Namni salaate mindaa dabalataa Rabbi biraa argata. Namni dhiise mindaa san ni dhaba jechu.

Salaanni Sunnaah hir’inoota salaata waajibaa keessa jiran namaaf guutti. Yeroo garii salaata waajibaa keessatti dogongoroota xixiqqoo ni hojjanna. Fakkeenyaaf yeroo salaataatti niyyaa guutuu gama salaataa deebisuu dhiisnee, qalbiin waan biroo yaadaa salaanna. Namni gariin salaata keessa asiifi achi mil’ata. Wanti akkanaa hundi qulqullina salaataa balleessa. Faaydaa salaata sanirraa argachuu qabnu nu dhabsiisa. Salaata sunnaah itti dabalanii salaatuun ammoo, hir’inoota achi keessa jiran san naamaaf guutti.

Rabbiin dalagaa walitti dhaabbattuu ni jaalata. Ibaadaan irra filatamtuun ibaadaa walitti dhaabanii hojjatan. Fakkeenyaaf sunnaalee rawaatibaa walitti dhaabanii salaatuun jaalala Rabbii namaaf argamsiisa. Kanaafuu yeroo garii salaannee yeroo garii dhiisuurra, walitti dhaabnee yeroo hunda salaatuun irra filatamaadha.

Yeroo garii salaatanii yeroo garii dhiisuun dilii miti. Inumaa guutumattuu dhiisuun ni dandahama. Garuu irra caalaan walitti dhaabanii yeroo hunda salaatuudha. Santu sadarkaa namaaf ol fuudha. Rabbiin warra yeroo hunda salaata sunnaah walitti dhaabee salaaturraa nu haa godhu.

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 121

Kanas dubbisi!

212: Salaata Witrii booda qunuuta/du’aa’ii kadhachuun dirqamaa?
199: Kitaaba irraa qara’aa salaatuun ni tahaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top