220: Adeerri Nikaha namaaf hidhuu danda’aa?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Eeysumni kiyya haadha tiyyaan “ati bar nikaahaan kee guutuu mitii, gabbarallee hin kenninee” haadha tiyyaan akkana jedha. Haadha tiyya tana adeerri isii yoo isii kenne yoo nikaha hidhe akkam?

 

 

Nikaahan akka hukmii shari’aati akka fedhinnaa keenyaatii miti. Wanni abaluun tun nikahaa hin qabdu jedhama yoo isiin hukmii shari’aattii abbaan intalaa, inni yoo hin jiraanne akaakoon, akaakoon yoo hin jiraanne ilmi isii, yoo ilma hin qabaanne obboleessa yoo jarreen kun nikaha godhe wanni nikaha isii balleessu maali, nikaahan isii numa jira. Yoo ammoo akkanumatti intala dhiira jala deemtee wajjiin galtuun nikaha hin qabdu yoo jedhan suni dhuga. Ammoo ta gabbaraa, gabbarri hukmii shari’aa keessa hin jiru. Kun aadaa badduu namni waliin dadhabsiisee waliin kuffise hagana fidaa waan kana godhaa wanni jedhaman hukmii shari’aa keessa hin jirtu. Wanni hukmiin shari’aa quba qabdu maarii shari’aati. Warren gabbara jala deeman kunniin haqa ilmoo isaanii quba hin qaban. Wanni isaan yaachisu waan aadaa malee mirgi dhalaadhaa bakka tana keessatti wanni maahriidhaa maqaa hin dhawamtu. Kanaaf jecha haati tee nikaha numa qabdi akka shari’aan jedhu kanatti yoo nikaha godhamte. Ammoo adeerri isiidha isii heerumsiisuu ka danda’u yoo abbaan isii hin jiraanne, yoo obboleessi hin jiraanne, yoo ilmoo hin qabaanne, adeerri kennuu numa danda’a. Osoo jarri kun cuftilleen abbaalleen, obboleessi, ilmoolleen jiraatee, yoo abbaan jiraatee abbaan jara kana wakkalate nikaahan sahiiha. Ilmoolleen obboleessi isiillee yoo abbaan intalaa dhabame malee waan kana keessa galuu mirga hin qaban.

 

Dr.Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 156

Kanas dubbisi

229: Dubartiin heeydii irraa eega xahaarattee booda bishaan booruu yoo argite, salaata ni dhoowwaa?
219: Bishaan dhaliinsa dura dubartii irraa bahuu Salaataa fi Soomana ni dhoorkaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *