237: Nikahaan fagootti telefoonaan ni tahaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Yoo namni tokko biyyarraa kaadhimaaf yoo na barbaade ka nuti gargar jirruu telefoonaanillee nikaha wal hidhachuun ni ta’aa jedhee ka inni haasawu yoo taate, an ammoo biyya dhufee wal arginee wal hubannee kaanee haa nuu ta’uu ka ani jedhe, ka inni tattaaffatee daliila wayii natti barbaadee akkam jedheetiin ufirraa isa amansiisaa?

 

 

 

Deebisaa: Maatiin intalaa gurbaa fuudhaaf deemu yoo beeke, iimaana qabaachuu isaa, fayyaa guutuu qabaachuu isaa yoo mirkaneeffate, intalaafi gurbaan yoo walitti gammadan, fageenyarraa nikaaha hidhachuun rakkoo hin qabu. Yoo isin lamaan gammachuu qabaattan fageenyi jiraachuuf nikaahan rakkoo hin qabaatu. telefoonaanis nikaha walgodhachuun numa ta’a jechuudha. Biyya dhaqee nikaha godhadha jechuun kankee yoo ka mahrama malee karaa kophaa deemtu taate, nikaha godhattee yoo danda’e inni bikka ati jirtutti sitti dhufee mahrama argattee galuudhatu irra sii jira malee kophaa karaa deemuun gaarii miti. Ammoo yoo daruuraan dubartiin gara biyya abbaa warraa galuu taanaan, yooka biyya warra Muslima hin tahinii irraa godaanuu taanaan gala isii yeroo takkatti galtu daruuraadhaaf ulamaan hayyamanii jiran. Garuu wanni irra siif jiru bakkuma jirtutti nikaha sii godhanii halaala kankee argattee mahrama kankeetiin wajjiin galutu sirra jira. Haala fuudhaa heerumaa keessatti nikahan fagoottis numa ta’a jechudha.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Deebisaa wal fakkaataa Fatwaa 558 irra laali

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 197

Kanas dubbisi

238: Janaabaa osoo hin dhiqatin Salaatuun ni tahaa?
236: Dubartiin eega hiikamtee booda herumuuf hangam turutu isii irra jira?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *