246: Hajjii fi niyyadhee umraa yoo raawwadhe akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Akkamitti hajjii godhaa, umraallee kana dura ramadaana keessa godhee turee, umraa an godhe sanillee maaltu narra jiraa hajjii niyyadhee bahee umratti jijjiiradhe.

 

 

 

 

Deebisaa: Hajjii niyyattee dhuftee iraamaan dhuftee taa’uu ni dandeessa. garuu ka irra siif laafaa amma fakkeenyaaf yoo guyya kudhan, kudha shan bahuu feete umraaf hajjii walitti niyyadhuu tamattu’aa jedhamaa qooda hajjii sadan keessaa tamattu’aa jedhamaa, tamattu’a kanatu irra jaalatamaadhaa, tamattu’a godhadhuu yoo hajjii niyyatteefii akkasuma yoo umraa qofa niyyattee dhuftellee hogguu Makkaa geessee Harama geesse umrattii jijjiradhuu umraa kankee fixadhuu, hogguu umraa irraa kaate uffata keetti deebi’ii warra makkaa ta’i. Gaafa Zulhijjaan guyyaa saddeeti geessse warra Makkaatiin wajjiin Hajjii kankee niyyadhuutii gara Hajjii keetiitti dabri. Akkastu irra siif gaariidha tamattu’a jedhama Hajjiif umraallee akkasitti waliin godhuu dandeessa. ka duraan dabre ammoo wanni sirra jiru hin jiru inshaa Allaah.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 63

Kanas dubbisi

203: Nama fayyaa fi maallaqa qabu namni biraa hajjii irraa godhuun ni danda’amaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *