409: Jum’aan musaafiraaf dirqamaa , zuhrii fi asrii jam’ii gudhuu dandayaa guyyaa jum’aa?

  • Home
  • Ibaadaa
  • 409: Jum’aan musaafiraaf dirqamaa , zuhrii fi asrii jam’ii gudhuu dandayaa guyyaa jum’aa?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii : Salaatni jum’aa dirqama taatii nama musaafiraa irratti, takkaahuu salaata zuhrii ka guyyaa jum’aa san gabaabsuun ni ta’aa akkasuma guyyaa juma’aa asriif zuhrii walirratti gabaabsanii jam’ii godhuun ni danda’amaa?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Salaanni jum’aa nama musaafiraa irratti dirqamaa miti. Salaanni jum’aa  nama fayyaa hin qabne, nama musaafiraa, gabroota, ijoollee xixiqashoofii dubartii irratti waajibaa miti. Ammoo yoo salaata jum’aa salaate namni musaafiraa tokko salaatni jum’aa sun irraa gaya zuhrii itti hin hajamu. Yoo magaalaa jiraatee isaa musaafiraa magaalaa san keessatti ka juma’aan dhaabatu taate juma’aa salaatuu ni danda’aa jechu. Mirga qaba juma’aa ufirraa dhiisee zuhrii lama godhee salaatuu danda’a, zuhriif asiriillee walitti qabee jam’ii godhuu ni danda’a. Ulmaa’iin gariin waan jedhan salaatni zuhrii jum’aa irraa bakka bu’a jedhan, ulmaa’iin gariin wanni jedhan ka’uf danda’ee jum’aa irraa bakka hin buunee , Rabbiin salaata jum’adhaa namarratti dirqama godhee jedhan jechu. Kanaafuu namni musaafiraa mirga qaba ummata waliin salaatuullee akkasuma jum’aa ufirraa dhiisee waan isarratti dirqama hin ta’iniif salaata zuhrii raka’aa lama salaatuu danda’a, zuhriif Asrii jam’ii godhee waliin salaatullee ni danda’ama.

 

Sheik Abdurrahmaan Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 319

Kanas dubbisi

410: Salaataaf iqaamaa godhuun dubartiidhaaf ni danda’amaahii?
396: eega fincaanee wudu’adhee salaata seene waan fincaan narraa bahan natti fakkaata?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *