95: Namni wudu’a shakke maal godha?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Namni tokko yoo wudu’a keessatti wuduu’ni kiyya kun hin taane je’ee shakke maal godhuu qaba?

 

 

Deebisaa: Waan takka hoggaa shakkite wanni kun akkana moo akkanaa mitiin si keessa dhufnaan, shakkii san fuutee maalif mataa keetiin dhibda? Karaa shakkii dhabaa sanitti deebi’i. Asuma garagalii wudu’a kee akka haarayatti uduadhu. Irra hedduun namaa ammoo warreen waswaasni shayxaanaa itti jiru ka eega miila dhiqee fuulatti deebi’u, ka eega wuduua fixatee wuduua isaa shakkaa oolu kun shayxaana irraahi. Namni tokko hoggaa wuduua isaa keessatti shakke hamma dhuufuu sagalee takkaahuu shurufkaa dhageettanitti akkana jettanii gara hin galinaa je’e Nabiin keenya . Shayxaanatu taa’aa keessa nama hooqee namatti fakkeessa. Dhaamsa kana Nabiitu nuuf dhaame. Kanaaf jecha dhuufuu takkaahuu ciincaa ajaa agartee dhuufuu tiyya jechuu yoo beeyte ka’ii uduadhu. Akkanumatti ammoo fuula hin dhiqannee yookii mataa hin haqnee yoo shakkite numa wudu’adhu malee hulaa shayxaanaa ufitti hin banin. Yoo guyyaa tokko fedhinnaa shayxaanaa guutteef eega Allaahu akbar jechuu kaatee si shakkisiisee wuduuatti si deebisaa tole hin je’in.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 166

Kanas dubbisi

106: Taraawiiha manatti salaatuu niin dandayaa?
93: Sidaajaa/Minxaafa irratti salaatan banaa dhiisuun maal qaba?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *