13: Kijibaan Qur’aana Qabatanii Kakatuun akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii:

Gaaf tokko nutiin kun osoma hojjannuu ijoollee hojjattootaa biyya alaa irraa dhuftee biyya arabaa keessa dalagdu takka irratti salaammanna jennee ganda tokko dhaqne. Garuu jarri sun nudura rafe. Ammo jarri kun dhalaadha. Hulaa tuttumnee ani gurbaa dhiisee biraa deemee, gurbaa kana warroonni inni hulaa irratti dhahe kun silkii dhahanii akka waan poolisatti himanii gurbaan kun qabamee, Akkasitti na barbaadanii dhaqee kijibaan quraana dhahannee harkaa baane. Ganda san dhaquun keenya sun dhuga, garuu badiin maaltu nurra jira?

 

Deebisaa:

 

[su_quote cite=”Dr.Liwaa’ulislaam”]Akka natti fakkaatutti obboleessi keenya ka gaafata jiru quraana qabatanii kakachuu san gaafataa jira  malee dhalaa ajNabii sani dhaqnee zihaaruun sun akkamii hin jenne. Rabbiin akki jedhuu zinatti hin dhihaatinaa jedhe malee. Zinaa hin godhinaa hin jenne. Ittumaahuu hin dhihaatinaa jechuun maal jechu? Waan zinatti isin geessu hin dalagina jechu. Wanni zinatti nama geessu maali? Kunoo akkanatti wal zihaaruun, walitti dhaquun, wajji nyaachuun, wajji dhuguun, wajji lulluuqachuun, dhiiraaf dhalaan wali keessa taa’uun wohuma fedheenuu haa ta’uu hulaa zinaadhaa ufitti banuudha. Kanaaf jecha isinillee lafaa kaatanii ajNabiyaa bira dhaquun keessan Rabbitu isin sattare malee halkan sani badiin isinuma irratti arkamti ture. Allahu a’alam. Garuu Rabbii nagayaan isin galchee isin baase ta duraatii Alhamdullilaah jedha galata galchaafii. Tan lammeessaa kijiburrattis badiin isin irra jirtii towbadha, towbaa Rabbii keessanitti garagalaa. Ammo gara fuudhaatti jarjaruun isin irra haa jiraatu bikka akkanaa irraa akka faagaattan dhaamsa isiniif dabarsa.[/su_quote]

 

[su_audio url=”https://nuuralhudaa.wpcomstaging.com/wp-content/uploads/2018/02/FNH01_-13.mp3″]

 

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 338

Kanas dubbisi

14: Waan Dubartiin qalte nyaachun Hayyamamaa?
12: Dhalaa Dhungachuun soomana balleessaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *