49: Zakaan maali?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Zakaa numa je’anii zakaan kun waajiba jechaa numa dhagayaa ani waa takkallee waan irraa beeku hin qabu.

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii yoo biyyumatti dhalatte, magaalatti dhalattus warri magaalaa mallaqa hin wallaalu. Xiqqeenyaan biyyaa bahee an wamaa hin beeku yoo ka jettu taate ammoo, horii yoo Rabbi sitti kenne 10,000, 20,000, 30,000 yookaa 100,000 mallaquma fedhe haa ta’uu kuma tokkorratti qarshii 25 baafta; Yoo gaala ta’e ammoo, gaala shan yoo qabaatte, re’ee takka kennita. Yoo re’ee qabaatte re’ee 40 keessa takka kennita. Yoo horii qabaatte horii 30 irratti jabbii takka kennita. Ta midhaanii ammoo ulamaa’ii baadiyaa jiran gaafadhu.daarota 10 irratti tokko kennan je’an. Namni ammoo kennituuf warreen saddeettan Rabbiin suuratuttawbaa keessatti dubbate. Zakaa haadhaa abbaa keetii hin kennin. Waan achii gadii ammoo eessumman kee, adaadaa tee, adeerran kee kan miskiinaatiif kenni. Dura isaaniif haqa. Yoo isaan qabaatoo ta’an miskiina biraatiif dabarsita. Garuu ammoo Zakaa kee masjiidaan hin ijaarin, madarasaanis hin ijaarin. Wanni inni godhameef jara saddeettan sani.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 923

Kanas dubbisi

50: Zakaa namaan walitti baasuun danda’amaa?
18: Zakaatal Fixrii Nama mallaqa qaburraa baasuun danda’amaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *