100: Dubartoota biyyaa bahan khayriin isaan dalagan irraa qeebalamtii?

  • Home
  • Dubartii
  • 100: Dubartoota biyyaa bahan khayriin isaan dalagan irraa qeebalamtii?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Warreen  Sumayyootaafi Bilaalotaa kun Islaamummaa kaddamaa jiranii garuu warra biyyarraa daangaa cabsee dhufee, khayriin isaanii tun isaanirraa qeebalamtii? Tawbaan isaanii irraa qeebalamtii?

 

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii; siifii fakkaattuu teetillee Rabbiin isin haa heddummeessu. Iimaanan isin haa gabbisu. Rizqii halaal isin haa nyaachisu. Rabbiin jaarsallee ka isin hin daarsine, ka isin hin aarsine, ka wajjiin ibaadaa gootan isiniif haa kennu. Khayriin isin dalagaa jirtan waan Rabbiin jaalatu. Biyyarraa bahuun keessan, bahariin ta’u xayyaaraan ta’u dogongora. Abbaan si haa ergu, obboleessi si haa ergu, jaarsi keetilleen si haa erguu hujiidhaaf ala bahuun kee dogongora. Dogongorri daangaa cabsuudha. Daangaa cabsuun ammoo dilaawuudha. Dilaawuun garuu nama hin kafarsiistu. Yahuudaa nasaaras nama hin gootu. Wanni sirraa arkame dogongora. Dogongora keetiif Rabbii kee kadhadhu. Tawbaan haajaa tee yoo fixatte gara biyyaa galu; takkaahuu biyya jirtutti hojjachaa khayrii barbaadaa ka siif ta’e tokko yoo arkatte abbaa keetiin nikaaha na godhi je’ii heerumi. Guyyaa heerumte irraa waan amma dura dabre tawbadhu. Tawbaan duraa sani. Daangaa cabsitanii dhufuun keessan sadaqaa keessan qeebalamuu hin dhoorkitu. Salaata keessan, soommana keessan, khayruma hojjattan cufaahuu wanni takka isin irraa hin hir’attu. Wanni dalagaa namaa balleessuu kufriidha. Kufrii boodaan shirki. Shirkiifi kufriin tokko. Wanni sadarkaa lammaffaatti dalagaa teessan qeebalamuu dhoorku horii zinaa, horii ribaa, horii sihrii, horii hannaa farshoo dhugaa, booyyee nyaachaa sadaqachu. Waan kana hin ta’in khayriin hurkaa keeysaniin dalagdan caalaa wanni Rabbi biratti jaalatamaa hin jiruu carraaqadhaa khayrii durfadhaa. Ufduuba hin deebi’inaa. Abshiir Rabbiin tawbaa teessan isin irraa qeebalaa. Hulaan  khayriidhaa hundi isiniif banaadha. Kanaafuu amatuu  akkanatti carraaqaa mitii akkamitti guyyaa tokko mana kiyya keessa gad taa’ee ilmoo takka ufirraa hambisee khayrii hojjadhaan kaayoo teessan haa taatu.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 281

Kanas dubbisi

103: Dhalaan eega takka seera cabsitee ala baate maal godhuu qabdi?
76: Dhalaan fuudhaaf gaafadhu cufti dubrummaa hin qabdu, maal gochuu qaba?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

1 thought on “100: Dubartoota biyyaa bahan khayriin isaan dalagan irraa qeebalamtii?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *