103: Dhalaan eega takka seera cabsitee ala baate maal godhuu qabdi?

  • Home
  • Dubartii
  • 103: Dhalaan eega takka seera cabsitee ala baate maal godhuu qabdi?
Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Eega dhalaan ala bahuun haraam taatee maaltu nurratti jira?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, ala bahuu kana ka haraami je’e Nabi Muhammadi . Wanni Rabbiin isii uumeef mana qabaattee mana keessa kabajaan jiraachu. Abbaan ergu, jaarsi ergu, isiinilleen, abbaalleen, jaarsilleen irraa gaafatamuuf jiraata. Garuu bahiinsi isiidhaa sun kufrummatti isii hin jijjiiru. As gargaltee dhugaan tawbattee, takkaa biyyatti deebi’uu takkaa bikka jirtutti bultii hortee, bultii ijaartee jiraachuudha. Garuu wanni isiin daangaa Islaamummaa cabsitee carraaqxu horiin isii san haraami namni je’u baaxili. Horiin isii halaali. Horii isii kana keessa sigiggaalummaa,  ribaa, farshoo, karkarroo, booyyeefi wanni haraam tahe yoo jiraachuu baate horiin isiin hurkaa isiitiin carraaqxu dhibbarraa dhibbatti halaali. Kennachuu  dandeetti; hajjiin godhuu dandeessi, sadaqachuu dandeessi, hulaan isiif banaadha.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 186

Kanas dubbisi

112: Dubartiin nikaaha if hidhuu ni dandeessii?
100: Dubartoota biyyaa bahan khayriin isaan dalagan irraa qeebalamtii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *