112: Dubartiin nikaaha if hidhuu ni dandeessii?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Obboleettiin teenya takka akka jettutti, akkanumatti matuma ufiitiin kaatee gurbaa tokko jala deemtee if heerumsiiste. Wallee nikaan kee baaxila je’aniinii Saudii dhuftee nikaaha uf goote. Amma eega waa babbarattee rakkoo ufitti dhageesse.

 

Deebisaa: Yaa gaabrittii Rabbii, osoo abbaan kee akaakoon kee, adeerri kee, obboleessi kee, ilmoo sii gahe yoo qabaattes osoo lafa jiranuu nikaan ati gaafa duraa of goote sun baaxili. Wanni sirra jiru isa san irraa tawbachuudha. Gurbaan ammoo nikaaha naa qabdi jechutti si beeka, haalli inni itti nikaaha si godhate kun garuu baaxila. Karaa qaaditti dhihaattee isa kana faskii ufirraa godhuu dandeessa. Nikaalleen hin jiruu inni garuu nikaaha naaf qabditti fudhata. Kan warri keessan nikaaha si godhan kun ammoo ka lammeessaadhaa nama nikaaha si godhe san addaan baradhu. Abbaa kankee yoo ta’e nikaaha duraa san akkam ufirraa gooteeti? Yoo sun badiidha jechuu ufitti beeyte isa san irraa toowabattee, hamma haydiin takkarra lama sadi sitti dhuftutti ni eeyda. Eega gadaamessaa kee xahaaratteen boodatti yoo abbaan kankee nikaaha si godhe nikaan kankee kanuma boodaa kana. Ka duraa baaxilii bakka hin jiru.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 355

Kanas dubbisi

114: Dalagaan biyyaa baanee dalaynu haraam qabaa?
103: Dhalaan eega takka seera cabsitee ala baate maal godhuu qabdi?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *