121: Nama du’etti dhaammachuun ni tahaa?

Estimated reading time: 1 min

 

Gaafii: Namni garii akka waan namni du’e fira isaa, aanaa isaa ka dur dabre bira dhaquutti maytaa/reefka/reeffa bira taa’ee, abaluunis akkas naa je’iin, abaluunis salaam naa je’i jechaa dhaamsa itti dhaammata.

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii; wanni ati garteefi dhageesse tun aadaa jaahilaati. Wanni Islaamummaa keessatti baranne, ta Nabii keenyarraa dhageenne, warri addunyaa tana irratti hamtuu dabarse bakka itti deemu kana ni arka. Maytaa/reefka/reeffa hogguu ol fuudhanii gara qabrii deemaniin akka nama manaama keessatti iyyuutti “yaa jarana eeysatti naan deemtan” je’a. Inni haa je’uu malee sagalee isaa nuti hin dhageennu. Akkuma san eega qabrii seenes ruhiin itti deebiti. Shakamsaa miila nama isa awwaalee deebi’uu ni dhagaya. Namni eega du’ee booda Rabbuma isaaf kadhachuu qofa. Yaa Rabbi waan malaaikoonni gaafatu afaan kaayi jechuu malee wanni takka ka dhaamsa itti dhaammatan hukmii shariaa keessa hin jirtu.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 87

Kanas dubbisi

124: Namni tokko badii dalaguuf yaadee yoo dhiise maal godhuu qaba?
120: Yeroo janaazaan mana jiru ifaa ibsuun hin tahuu?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *