127: Namni jaartii isaa wajjiin ciisuu dhabuuf kakate maal godhuu qaba?

  • Home
  • Bultii
  • 127: Namni jaartii isaa wajjiin ciisuu dhabuuf kakate maal godhuu qaba?
Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Namni tokko yoo jaartii isaatiin duydi kee akka duyda haadha tiyyaati je’e, kana jechuun ani yoo si wajjin ciise akka nama haadha tiyyaan wajjiin ciiseeti je’ee kakate wanni isarratti jiru maali?

 

Deebisaa: Waa’ee nama waan akkanaa je’uu Rabbiin suuratul mujaadalaa keessatti dubbatee jira. Namni akkana je’e osoo warra isaatti hin ida’amin dura gabra bilisoomsuu qaba. Yoo waan bilisoomsuun hin qabaanne baatii lama walitti aansee osoo warra isaatiin walitti hin ida’amne soommanuu qaba. Baatii lameen yoo iidni itti dhufe malee osoo addaan hin dhaabne soomana. Yoo baatii lama soomanuu hin dandeenne miskiina jahaatam nyaachisuu qaba je’e Rabbiin.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 337

Kanas dubbisi

167: Haqa abbaa kiyyaatu dursa moo haqa jaarsa kiyyaattu dursa?
78: Haadhaafi abbaa kiyyaa yoon addaan baase rakkoo ni qabaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *