136: Nama hin salaannee wajjiin hojjechuun ni tahaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Warri ani bira dalagu hin salaatan, hin sooman, an ammoo jaraa wajjiin dalagutti jira. Dalagaan isaaniin wajji dalagu tun garaa na nyaattee isaanii wajjiin dalaguun naaf halaalaa?

 

Deebisaa: Yoo dalagaan ati dalagdu sun halaala taate hattaa Islaamaa mitii kuffaara bira dalaguu ni dandeessa. Rakkoon hin jiru. Garuu wanni si barbaachisu dalagaan ati dalagdu sun halaala moo haraama? San qofa shariaan si gaafata. Osoo dalagaan jaraan wajjiin dalagdu sun haraama taatee, hattaa nama sheekhaa ka soomanee salaatuun wajjiinillee osoo dalagdee siif halaala hin taatu. Laakin dalagaan tantee yoo halaala taate, salaatus salaatuu baatus, soommanus soomanuu dhiisus, isumatu irraa gaafatama. Ati ammoo dalagaan kankee siif halaala jechuudha. Ati salaattee soomannaan rakkoo hin qabu inshaa Allaah.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 140

Kanas dubbisi

137: Ijoollee akka obboleeyyaniitti wajjiin guddannerraa ni hajjabannaa?
98: Ajnabii wajji Whatsapp irratti Qara’uun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *