150: Aruuzni Aaishaa akkami?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Haati teenya Aaishaan intalli AbuuBakri guyyaa cidha isiidhaa akkamitti gaggeeffatte?

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii seenaa beerran Nabii keenyaa ﷺ akkaataa isaan itti fuudhan ni haasofna yoo jenne akka malee dheerata. Walumaa galattuu ta amma harkaa nu qabdu haadha teenya Aaishaadha Rabbii isii irraa haa jaalatuu. Nabiin Rabbii ﷺ amata torbatti isii nikaaha godhatee amata sagal irratti galfate. Gaafa galfate gaalallee hin qalle; horiillee hin qalle. Qorii takka tan nyaataa ta Sa’ad ibnu Mu’aaz Rabbi isarraa haa jaalatuu mana isaatti tolchee fide qofa. Sanuu yeroo san keessatti isii ijoollee wajjiin taphachutti jirtu haati yaamtee akka nama ergatuutti beera walitti qabdee bareechitee Nabii keenyaaf geggeessite. Yoo heerumni kiyya akkas naaf haa tahu jettes siifi ka si fuudhu yoo itti wal taatan rakkoon takka hin jiru.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 361

Kanas dubbisi

174: Namni adaadaa/haboo tiyya fuudhe ana hoo fuudhuu ni danda’aa?
146: Intala guddisan nikaaha godhuun dandayamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *