151: Salaata fardii eega salaatan booda bakka jijjiirrachuun dirqamaa?

  • Home
  • Salaata
  • 151: Salaata fardii eega salaatan booda bakka jijjiirrachuun dirqamaa?
Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Namni tokko hoggaa salaata fardii salaate bakka jijjirachuun isarratti dirqamaa?

 

Deebisaa: Salaata fardii yoo bakka takkatti salaatan sunnaadhaaf bakka jijjiirachuu takkaahuu sunnaafi fardii adda baasuuf dubbiin jidduu kanatti argamuun wohuma hukmiin shariaa itti ajaje. Maalif jennaan akka salaanni ati salaatte suniifi sunnaan wal hin fakkaanneefi. Namni tokko tokko assalaamualaykum jedheetuma akkasumatti ol ka’ee hidhata. Tanaaf salaanni waajibaatiifi sunnaan adda haa beekkamuu salaata fardii booda xiqqisho daqiiqaa sadiifi afurillee taatu taa’iitii nama si cinaa jiru dubbisii achi boodaan sunnaa kee salaati. Yoo ammoo osoo bakka hin jijjiirratin namas hin dubbisin salaattees, sun salaata kee ka fardii hin miidhuu Rabbii sirraa haa qeebalu.

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 132

Kanas dubbisi

152: Namni salaata lama walitti qabe, yoo nama salaatutti dhufe, salaata kam dursuu qaba?
144: Nama imaama boodaan ol ka’etti hidhachuun ni tahaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *