216: Ilmi dhiiraa haadhaa fi abbaan isaa osoo hin beekin Nikaha hidhachuun ni tahaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii:  Namni tokko lafaa ka’ee yoo intala takka fuudhe haadhaaf abbaan isaa quba hin qabanii nikahaan isaa sun akkam?

 

 

 

Deebisaa:   Yaa gabricha Rabbii ati ilma dhiiraati, intala heerumtutu waliyyii barbaada gurbaan fuudhu waliyyii hin barbaadu, Mataa ufiitii intala takka kadhatee fuudhuu danda’a. Ammoo haqa walii godhuudhaaf wal gammachiisuudhaaf, rahiima manxanfachuuf haadhaa abbaa kee dhoysuun teetii miti yoo duraanillee itti hin himin dhaqii isaanillee ufirraa gammachiisi. Maaliif jennaan haadhaaf abbaan kun haguma intala takka ati isaan irraan fuutu warri intalaallee gurbaan kun nama qabatti si beekanii borullee yoo sokkite warra keessan bira dhayxi, nama itti himattullee ni qabdi jechu. Kanaaf jecha hanga dandeessutti haadhaa abbaa kankee tottoowadhu isaanillee gammachiisi. Ammoo osoo itti hin himin fuudhuun kee nikaha kee hin balleessu.

 

 

 

Dr.Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 117

Kanas dubbisi

220: Adeerri Nikaha namaaf hidhuu danda’aa?
215: Heeydiin Nikaha hidhachuu ni dhoorkitii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *