230: Dhiiraa fi dhalaan eega Zinaa walirratti dalaganii booda wal fuudhuun ni tahaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii:  Gurbaan tokkoof intalti takka sagaagalummaa yoo walitti hojjattan fuuni jara lamaanii kun danda’amaa?

 

 

Deebisaa:   Zinaan dilii gurgurddoo Rabbiin qur’aana keessatti dubbate keessaa takka. Diliin gurguddoon Rabbiin qur’aana keessatti dubbate ta duraa shirki, lammeessaan lubbuu namaa baasuu, sadeessaan zina. Shirkii dubbatee lubbuu namaa baasuu dubbatee, zinaa dubbatee namoonni addunyaa tanarratti dilii akkanaa tana hojjatan, ka addunyaa tanarra osoo jiranuu karaa Rabbii deebi’anii osoo hin toowabatin azaaba isaan xiqqeessu qunnamuuf jiraatan jedhe Rabbii SW. ammoo namni osoo addunyaa irra jiruu waan gurguddaa sadeen akkanaa tanarraa toowabate, achi boodaan dalagaa gaggaarii ka hojjate badii isaanii sanillee Rabbiin toltutti jijjiiraaf yoo qulqullummaan toowabatanii waan sanirraa fagaatan jechu. Tanaaf jecha hukmiin nama zinaa walitti godhee yoo dowlaan islaamaa jiraatte dardaraaf dubra ta’uu cafaqu, yoo nama fuudhe ta’an ajjeesu. Waan hukmiin akkasii addunyaa irra hin jirreef jecha namni tokko uf sattaree waan kanarraa toowbaa qulqulluu eega toowbataniin boodatti Rabbiin isaaniif araaramaadha. Yoo waan kana osoo hin toowabatiniin dura warra wajjiin jiru ta’an addaan bahuu haga baatii sadii addaan fagaachuu eega toowbataniin boodatti Rabbiin toowbaa irraa qeebalaadha nikaha wal godhatanii karaa hukmii shariyaatiin walfuudhuun ni danda’ama. Zinaan namarraa argamuun maasiyaa gurguddoodha malee nama hin kafarsiiftu. Namni akkasitti irraa argamte fuudhuun hin gahu jechuun osoo hin toowbanne jechu.

 

Dr.Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 633

Kanas dubbisi

205: Nama guyyaa Ramadaanaa warra isaatti ida’ame hukmiin maali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *