92: Kaafira arrabsuufi hamachuun ni tahaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Namni kaafiraa silaahuu adawwii Rabbiitii yoo arrabsan ykn yoo hamatan maal qaba?

 

 

Deebisaa: Ilmi namaa nasaaraa ta’u, yahuudaa ta’u, waaqeffataa tahu, Muslima ta’u, walumaagalattuu gabrootuma Rabbiiti; abbaa gabrummaa Rabbii jalaa uf baase malee. Ilmaan namaa kun cuftinuu yeroo dhalatan Islaamummaa irratti dhalatan. Nabiin ilmoon eeguma dhalatte booda waan haadhaafi abbaan hujan arkanii jara deeggaranii karaa irraa maqan malee namni cuftinuu Islaamummaa irratti dhalata je’e. Kanaafuu kaaffirri kufrummaa isaa isatu irraa gaafatamaa ati hin gaafatamtu, badii isaa irraa ati hin gaafatamtu. Kanaaf jecha haqa isaa keessatti wahuma Muslimni sirraa qabu qaba. Yoo tumtees, waan isaa yoo nyaattes, yoo gantes, haqa Rabbiin ilma namaatiif godhe keessatti kaafirri haqa guutuu qaba. Hamachuun mirga keetii miti. Isa arrabsuufi hamachuu hin dandeettu. Waan isaa humnaan nyaatuu hin dandeessu.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 168

Kanas dubbisi

97: Haqa abbaa irraa qabaniif ka ilmaa fudhachuun ni tahaa?
86: Iqqubiin halaala moo haraama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *