86: Iqqubiin halaala moo haraama?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Namni kun aadaa godhatee mallaqa iquubiiin walii qoodaa, iquubiiin tun halaalii?

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, quubii jechuun bar quba wal bira kaayachuu jechu. Harka wal tareeffachuu jechu. Harka wal dhiquu jechu, akka nama waliin nyaatu harka lama qorii keessatti walii dhiquuti. Naaf kennitee siifin kenna jechu. Wanni ati kennaa jirtu horii keeti; booda ka fudhattulleen horima keeti. Tanaaf jecha Rabbilleen khayrii irratti wal gargaaraa je’ee iqqubiin wama takkallee hin qabdu. Ammoo bakka san keessatti wanni namni wal eeggachuu qabu takka, hoggaa waa kennamu hixaan jiraachuu, takkaahuu namni tokko fedhinnaa isaatiin yoo taraan isaa geesse namaaf dabarsuu. Namni waan kana irratti mataadhaa ammoo fuula fuula godhuu dhabuudha. Bakka kana keessatti waan garaa nama mufachiisu ta addaan nama fageessitu kanarraa fagaachuun isinirra jira.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 247

Kanas dubbisi

96: Namni wajjiin nyaanne haqni isaa yoo natti dabre akkamiin godha?
74: Haadha na guddiste moo ta na deessetu haqa narraa qaba?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *