96: Namni wajjiin nyaanne haqni isaa yoo natti dabre akkamiin godha?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Nama tokko obboleeyyummaan wajjiin dalagna, wajjiin galla, maallaqa walitti laaqqannee nyaannee wajjiin dhugna. Inni maallaqa irra guddaa baasee gaaf garii haqni isaa natti dabra. Obboleessa kiyya san addaan fagaannee haqni isaa akka natti dabre beekee akkamiin godha?

 

 

Deebisaa: Yaa jara keenya ilmi namaa tokko yoo fedhinnaa isaatiin walitti waa ida’atee takkaa atummaan kaatee waa bittee nyaachifte, takkaa inni si nyaachise, takkaa magaalaa dhaqxanii fedhinnaa isaatiin inni yoo siif bite wama takkallee rakkoon hin jiru. Garuu immoo bakhiila taatee horii kee kana facaasuu diduun namarratti irkattee namatti fayyadamuun hukmii shariaatti dhoorka. Yoo waan kana keessatti bakhiilummaa ufitti beeytee namni sun ammoo arjaa ta’uu beeyte, sirraa qaanfatuu malaa haqa isaa san ufirraa galchi. Yoo obboleessi kiyya sun waa takkallee narraa hin jibbuu beeyte, wama takkallee hin qabu. Yoo ammoo haqa isaa kana narraa fudhataa ka beeytu taate, karaa nama isaatiin hortee haadhaa abbaa isaatiin waan san ergiif. Sanitti yoo dhaqqabuu hin dandeenne, yoo wanni tun waan xiqqoo taate, kanaaf uf hin rakkinii gaafa Rabbiin wal nu garsiiseen haqa isaa deebisaafii niyyadhu. Yoo sunis ka hin jiraanne taate waan khayrii keessatti isaaf niyyadhuutii sadaqadhu. Gaafa wal agartan ammoo kenniif. Ykn haqa kee san bar siifin sadaqadhee je’ii itti himi. Takkaa sirraa fudhataa takkaa siif dhiisa jechu.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 137

Kanas dubbisi

97: Haqa abbaa irraa qabaniif ka ilmaa fudhachuun ni tahaa?
86: Iqqubiin halaala moo haraama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *