Gaafii: Ilma adeera kiyya warra qabaa isaan wajjiin hajjii godhe. Hajjiin tiyya sun akkami?
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii ulamaa’iin hoggaa lafa keessu ahkaama shariaa keessatti, shuruuxni hajjiidhaa shani, shanan kana keessa namni tokko isilaamummaa qabaachuu, ta lammeessadhaa namni ballaguu, ta sadeessadhaa sammuun fayyaa ta’uu, Afreessaan bilisummaa qabaachuu, bilisummaa alaabaa tanaa miti. Karaa nagaya ta’een waa hundaafuu rakkinni si tuqu dhabamuu. Fakkeenyaaf heeraaf seera guuttatee akka addunyaan itti deemtutti baasabooraafi waan akkanaa kana qabaachuu kana. Ta shaneessadhaa dandeettii qabaachuudha. Dandeettiin dhiiraaf dhalaa keessatti waan waliin qabantu jira. Waan waliin hin qabnetu jira. Fakkeenyaaf fayyaa, sinqii, karaan nagaya ta’uu, kana keessatti dhiiraaf dhalaanis tokkuma. Ammoo dhalaan wanni dhiirarraa kophaa qabdu nama isii wajjiin deemu ka wajjiin dhalatte, waani kun hin jirreen, sababa nama wajjiin gootu dhabuutiif umraa haa ta’uu hajjii haa ta’uu waajiba waan sirratti jiru Rabbiin sirraa buuse. Kanaafuu ilmi adeera keetii si fuudhuu danda’a. Daangaa cabsitee garuu, daangaa cabsuun kee sun hajjii tee qeebalama hin dhoorku. Rabbii sirraa haa qeebaluu ta ganaatiif itti hin deebi’in.
Dr. Liwaa’ulislaam