75: Intalti dahumsumsarratti duute Shahiideedhaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Intalti takka ta dahumsarratti duute shahiidee ni je’amti?

 

Deebisaa: Shuhadaa’ni heddu. Warri ajrii Shuhadaa’a argatu jechu. Warri sababaa rakkinaatiin, dhibdee dhuftuun shahiidee je’amu heddu. San keessa intala dahumsarratti duute, warra koleeraadhaan du’e, warra ibiddi gube, warra waa irratti jigan, hedduudha. Garaa garummaan isaan shahiidee jihaadaa wajjiin qaban, ka jihaada keessatti du’e hin dhiqamu, akka guyyaa boruu dhiiga isaa waliin lafaa ka’uuf akkasumatti dhiiga isaatiin wajjiin awwaalama. isaan kunniin ammoo dhibdee isaanitti dhufteef ajrii shahiidee qaban jechu malee Shuhadaa’a akka jihaadaati jechuu miti. Jarri kun aqiidaafi ibaadaa yoo hin qabaanne garuu, sababaa kanarratti du’uutiin namni dubbii isaanii murteessu Rabbii gudda. Yoo fedhes Rabbiin ni araaramaaf, yoo fedhes ni qixaaxa. Nuti namni haala kana irratti du’e yoo addunyaa tanarraa deeme abalu yoo Rabbiin fedheef ajrii shahiidee argata jennee irraa galla. Murree warra azaabaatis hin goonu; warra jannataatis godhuu hin dandeenyu.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 115

Kanas dubbisi

88: Ilmoon baatii jahaa yoo namarraa baate maal godhan?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *