09: Mallaqaaf Jecha Eessuma kiyyaan wal dhabe.

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii:

Eessuma kiyyatu na guddisee, abbaan kiyya ganamaan narraa du’ee. Abbaa kiyya hin beekuu. Tanaaf jecha eessuma kiyya kana akka abbaatti laalaa. Waanin qabu cufa addunyaa isa biratti erga. Addunyaa itti ergu kana itti fayyadame. Hori kana naaf kafaluun isarra jira moo isarra hin jiru? sababaa kanaaf wal afaan dhufne.

 

Deebisaa:

Yaa gabritti Rabbii, Adeerri kee, akaakoon kee, obboleessi kee jarri kun cuftinuu foon kee yeroo tahu, nama tokko yeroo waa itti ergitu, waan ergituuf san addaan baasuu qabda. Wanni kun gargaarsa keetii, kun ammo amaanaa tiyyaa jettee itti erguu qabda. Akkanumatti cal jettee waa itti erguun kee dogongora. Kanaafuu addunyaa tanaaf jecha wal hin dhabinaa, toltuu isaan sirratti oolan laalii, yoo mallaqni sun jiraates hanga dhaqabatte fudhadhu, addunyaaf jecha wal hin murin, Rahiimummaan bakka haa jiraattu.

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 115

Kanas dubbisi

27: Obboleessa ofii abaaruun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *