27: Obboleessa ofii abaaruun akkami?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Obboleesssa kiyyaan wal dhabnee rakkoo haala adda addaa irratti miidhaan natti muldhatee jennaaan abaaree, obboleessi kiyya yeroo gabaabduu keessati miidhamni isa mudatee eegasii ofirratti beekee dhiifama na gaafatee, akkami dubbiin kuni? Ani ammoo anaa miti jedhee waakkachutti jiraa, Rabbuma biraa sitti dhufte jechutti jiraa akkami dubbiin kun?

 

Deebisaa: Dubbiin Rabbi biraa dhuftus si biraa dhuftus, namni tokko yoo gaafatame Awfii godhuudha qaba yeroo hundaahuu. Obboleessa keessaniif irra dabraa jechuunis ni jira Rasuula Rabbi biraa hadiisni sahiihatu jira. Kanaafuu namni tokko  yoo naa dhiisi obboleessa kiyya jedhe dhiifama gooneef Rabbitu dhiifama nuuf godhaa jechaadha. Qissaa Abu Bakriifi Mistaha sana keessatti Rabbiin suuratul Nuuri irratti ka dubbate akkasii Inshallaha Awfii godhuun barbaachisadha. Eega abbaan tokko Awfii naa godhi jedhee Awoofi namaa godhuun jaalattamaadha barbaachisaadha jechudha.

Sheikh Alii Jimmaa

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 123

Kanas dubbisi

32: Haadhaafi abbaa kiyyarra eenyuun irra gargaaruu qaba?
09: Mallaqaaf Jecha Eessuma kiyyaan wal dhabe.
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *