23: Qur’aanaafi Zikrii Hammaama Keessatti dhageeffatuun tahaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Mee diinii Rabbiin nuu laaffise kana nuti dubri/ yooka dubartoonni biyya adda addaa keessatti hojii mana namaa hojjannu yeroo hedduu waan yeroo gahaa hin qabneef darsiin nuuralhudaa irraan nuuf dabru Shari’aa Rabbii ka barachutti jirru gurratti dhageeffataa mana keessa deemnee hojii hojjanna. Yeroo garii akka mana hammaamaa seenuudhaa nu mudattii. Yoo waan akkana kana Qur’aana Rabbiitiif hadiisa Rasuulaa kana mana akka kana keessatti mana hammaamaa keessatti hammaama dhiqaa hammaama tolchaa dhageeffanne dilii qabaa?

 

Deebisaa: Dilii hin qabu, wanni gurraan dhageeffatan dilii hin qabu. Waan agartaanii zikrii Rabbiitiifii yoo Qur’aana fa’a ta’e qofa achi keessatti dhageeffachuu dhabuun yookaan dhiisuun irra caalaadha. Waan ammo gorsaatiifii waan haaaa, gartee namni ufii haautu dhoowwaadha malee, dhaggeeffachuu Shari’aan dhoorkiteef daliilli dhoorkellee hin jiru. Garuu wantti dhageeffatan sun yoo jecha Rabbiif jecha Rasuulaa ta’e hanga mana hammaamaa keessaa bahanitti irraa xiqqoo obsuun jaallatamaa ta’a kabajaa jechoota kanaatiif jechuudha.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 377

Kanas dubbisi

24: Qaama ofii jijjiiruun hayyamamaa?
14: Waan Dubartiin qalte nyaachun Hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *