10: Wayta Roobaa Salaata Walitti Qabanii Salaatuu

Estimated reading time: 1 min

Gaafii:

Sababaa Roobaatiif jecha gandi nu keessa jirru kun salaata lama walitti qabnee salaanna, hukmii Shari’aa keessa ni jiraa?

 

Deebisaa:

Yaa gabricha Rabbi, salaatni guutuun; ta duraatii bifa lama qaba. Bifti takka takkaahuu walitti qabuun, takkaahuu gabaabsuun yoon imaltuu deemte. Salaata gabaabsuun kan akka zuhurii, Asrii, ka akka ishaa’ii lama lamatti deebisuun hukmii Shari’aati. Zuhriif Asrii walirra fiddee raka’a lama lamaan salaatuun, jiddutti attayyaata teessee salaammattee ka afuri walitti hin idaane hukmii Shari’aati. Akkuma san salaatni, inumaa gariin ulomaa’ii wanti jedhan, bubbeen hamtuun tan akka Ameerikaa keessa jirtuu ta fooqii gaggaragalchitu, hamtuun akkanaa yoo jiraatte masjiida yoo dhaquu hin dandeenye manatti salaatuun wamaa hin qabu jedhan. Akkuma sani Roobni hogguu jirus salaata walitti qabanii Magriibaaf Ishaahii salaatuun sunnama Nabii keenyaati SAW. Wama takkallee Rakkoon sirratti hin jiru. Ammoo, akkanumatti hurriif Rooba xixiqqaa sababa godhattee, keessahu warren gartee sababaa lulluuqaatatiin jecha masigiidarraa hafuuf uzrii godhatu kun dogongora. Salaanni akkuma namni hoggaa tokko kampaanii dhaqee hojjatutti salaataaf masjiida dhaquu qaba yoo dhalaa taate malee.

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 204

Kanas dubbisi

19: Imaamatti hidhatanii yoo salaatan Faatihaa Qara’uun dirqamaa?
07: Sunnaa Wudu’aa eega bishaan wudu’aa namarraa gogee booda salaatuun danda’amaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *