153:Nama mirga keenya hin eegne akkam goona?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Nama tokko ka wajjiin gallu ka wajjiin nyaannee dhugnu jidduu teenyatti dhibdeen takka argamte. Tanaaf  jecha inni kun nu wajji salaatuu hin fedhu. Namoota kiristaana fa wajjiin haasawuudhaan raadiyoo nurratti banuudhaan hedduu nu cinqa. Namni kun mirga keenya hin eeguu akkam tahuu nuuf wayya?

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii namticha waldiddaatu nu jidduu jira jette kana wajjiin nyaannee dhugna himte. Namni wajji nyaatu jidduu isaatti nagayuma. Isin wajjiin salaatuu dhabuun ammoo ka inni itti aara qabu namoota imaamatti hidhaati moo imaama namaan salaatu? Namni inni itti aarii qabu yoo imaama san taate, imaamaaf jecha salaata itti hidhachuu diduun sun wallaala isaati. Akkuma san namoota imaama boodaan salaatan kana keessaa namni inni itti aara qabu jiraachuudhaaf jecha salaata Rabbii salaatul jamaa’aa irraa uf hoongessuun wallaala isaati. Ibaadaa Rabbiitiifi waldiddaa keessan wanti walitti hidhe hin jirtu. Akkuma san yeroo namni ibaadaa godhu nama shaagaluun kunilleen badiin isarratti jira. Tanaaf jecha ammoo nama wajjiin nyaachaa wajjiin dhugaa jirtan kana eega qoonqoorratti wal taatan wajji galuun keessanis ni malaa waldiddaan rakkinaa mitii wal fayyiftanii ibaadaa Rabbii irrattillee waltahuun dirqama keessani. Rabbiin walitti isin haa fayyisu.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 118

Kanas dubbisi

156: Waan namni gate yoo fuudhee nama biraatiif kenne maal qaba?
137: Ijoollee akka obboleeyyaniitti wajjiin guddannerraa ni hajjabannaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *