206: Nama warra isaa osoo itti hin dabalamin waliin taphachuu qofaan maniyyiin irraa bahe hukmiin maali?

  • Home
  • Soomana
  • 206: Nama warra isaa osoo itti hin dabalamin waliin taphachuu qofaan maniyyiin irraa bahe hukmiin maali?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii:  Namni tokko warra isaa kana yoo wajjiin taphatee itti qanani’e qaama isiitti ka qaamni lamaan wali hin tuqin bishaan maniyyii yoo irraa bahe nama kana maaltu isarra jira?

 

 

Deebisaa:   Yoo walitti qanani’uun walitti mamaxxanuun soomana keessa taate soommanni isaanii bade garuu akka nama wajjiin rafeetti laalamanii kaffaaraan isaan irra hin jirtu. Yoo sababaa qaamni waltuquutiin maniyyiin akkasitti irraa bahe takkaahuu yoo qaamni isaanii lamaan waltuqe afaanumaanuu akkuma nama wajjiin rafeetii kun balleessadha. Kanaaf jecha kana kaffaaraatu irratti jira. Maaliif jennaan saalli lamaan waltuqe. Saalli lamaan waltuquun soommana ta’uu, soommana malee ta’uu yoo soommana irraa ala ta’e dhiqaan sirratti wajjabe osoo isin lachuu irraallee humaa bahuu baate. Yoo qaamni walitti maxxanuuf ka irraa bahu ta’e isaan lachuu wanni isaan irratti jiru soomanni guyyaa sanii bade araarama Rabbii kadhatanii qadaa guyyaa sanii baasu. Ta duraatiif namni haala ufii beeku walitti hin shookkifatu jechu.

 

 

 

Dr.Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 335

Kanas dubbisi

207: Madaan yoo nama dhiige soomana namarraa balleessaa?
205: Nama guyyaa Ramadaanaa warra isaatti ida’ame hukmiin maali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *