90: Namni shahaadaa nama qabsiisu sheekha tahuu qabaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Anaa xiqqoodhaa haati tiyya narraa duute. Haati tiyya Islaamaa garuu akkayoon tiyya kiristaana isitu na guddise. Duuba an amata kudha shan booda karaa warra keenyaa deebi’ee Islaamummallee baradhee Islaamummatti seene. Garuu Islaamummaa tana warruma keenya keeessa warri na naqe malee namni sheekhaa na hin qabsiisnee Islaamummaan tiyya tun akkami?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, Haadha tee ta duuteefillee Rabbi Rahmata haa godhu. Ka sillee gara Islaamummatti qajeelche Rabbiin galanni haa gahu. Islaamummaa mataa keetiinillee seenuu dandeessa. Nama wamaa hin beeyne qabsiisuuf malee Islaamummaa nama naqaa jechuun hin jiru. Fakkeenyaaf nama namni osoo Islaamummatti hin naqiin ufii Islaamummatti seene jala yoo deemte, wanni irraanfachuu hin qabne, Umar Ibnu Khaxxaab isaa amata 27 fedhinnaa isaatiin dhufee Islaamummatti seene. Nabiin hin qabsiisne. Ka lammeessaa yoo jala deemte, damiina warra banii haniifaa Sumaamaa bin Usaal ka je’amu ka guyyaa sadii masjiida Nabii keenyaa keessatti sahaabaan hiitee Islaamummatti seenuu didee Nabiin Rabbii ufirraa gad dhiisaa je’eenii namni kun ufii laga dhaqee dhiqatee ufii shahaadaa qabate. Nabiin Rabbii hin qabsiifne. Akkasuma ammallee AbuuXalhaan gaafa UmmuSulaymi fuudhu Islaamummati yoo naaf galte siin heeruma jechuu irratti eega itti amanee booda qaama isaa dhiqatee shahaadaa qabate. Shahaadaan isaa sun duuba mahrii heeruma isii taate. Tanaaf jecha si qabsiisanis  si qabsiisuu baatanis ufiifillee qabattu  aalimni qofti nama haa qabsiisu jechuun hin jiru. Namni shahaadaa nama qabsiisu ammoo nama ma’naa shahaadaa beekumsa sirra qabu ka bu’aa sii buusu ta’uudha qaba. Nu cufa Rabbiin kalimaa tawhiidaa nu haa qabsiisu.

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 4
Views: 285

Kanas dubbisi

224: Haati tiyyaa Islaamummaa seenuu kiyyaaf hedduu natti mufattee, akkam godha?
58: Qur’aana gubuun ni hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *