41: Salaanni sa’aa 8titti salaatamu salaata kami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ganda jirru tokkotti guyyaarraa salaatuma salaatan toora sa’aa saddeetii eega aduun baatee, toora sa’aa kudhanii. Akkuma san imaltuu keessattis salaata walitti qabanii salaatan. Hoggaa bikka itti deeman gahanis salaata ni gabaabsan, takkaahuu salaata walitti qaban. An akkasitti salaati naan je’aniitiin na shakkisiisee wanna kana adda naaf baasaa.

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, salaanni eega aduun baatee sa’aa saddeetirratti salaatan ka biraa hin jiru duhama. Ka sa’aa kudhanitti Zuhriin duratti salaatanis salaatuma duhaati. Takkaahuu namni gariin salaanni subhii isa dabree subhii salaatuunillee ni malti. Yoo san hin ta’in wanni yeroo sanitti salaatamu salaatuma duhaati. Salaata imaltuu keessatti walitti qabuun takkaahuu gabaabsuun ammoo sunnaa Nabii keenyaati Ganda itti yaa’an san hoggaa gahanis salaata akkasumatti jam’itti salaatuunis sunnaa Nabii keenyaati . Yogguu karaa deemtu hanga biyya san geessutti salaata gabaabsitee jam’ii goota, yoo feete salaata Zuhrii wajjiin Asriillee salaatta. Yookaan Zuhrii Asriirra fidanii raka’aa lama lama salaatuun ni dandayama. Kun cuftinuu hukmii shariaa keessatti humaa hin qabu. Akkaataan isaan itti salaatan kun sunnama Nabii keenyaati Jabeeffadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 186

Kanas dubbisi

54: Dhalaan sagalee ol fuutee ni salaattii? Jama’aa hoo akkamitti salaatan?
40: Salaanni akaakuu meeqatu jira?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *